in

Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil addunyaa ajjeechaa suukanneessaa, dararaa fi godaansa qe’ee fi qabeenya uummata Oromoo irratti kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffate.


Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil addunyaa ajjeechaa suukanneessaa, dararaa fi godaansa qe’ee fi qabeenya uummata Oromoo irratti kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffate.

 

Ajjeechaa fi dararaa  suukanneessaa raawwatame mormuuf sochii Qeerroo fi Qarreen, Ummanni Oromoo akka waliigalaatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti karaa nagaa taasisaa jiruuf deeggarsa qabaachuu kan ibse Manni Marichaa, Balaa guddaa Uummatichatti dhufe waloon qolachuuf hunduu tokkummaan kahuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Gocha gareen Finxaaleyyii Amaaraa Oromiyaa keessatti raawwataa jiranii fi haleellaa Diroonii mootummaan itti fufiinsaan raawwataa jirun gaddi jabaan kan itti dhagahame ta’uu kan ibse Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa, maatii namoota miidhamanii fi Uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina jedhe.

Haleellaawwan bifa garaagaraan Wallagga Bahaa: Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu fi Guttin, Horro Guduruu Wallaggaa: Amuruu, Agamsa, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluq, Kombolchaa fi Guduruu, Salaalee: Aanaalee Dharraa, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, akkasumas Shawaa Bahaa Boosatii fi naannawaa ishee jiraatan irratti raawwatame cimsinee balaaleffanna jedhe Manni Marichaa.

Waggoota afuran darbaniif taateewwan mudataa jiran kanatti xumura gochuun akka danda’amuuf qaama dhimmi ilaalu mara gorsaa fi hubachiisaa turre, Geggeessitooti siyaasaa Oromoo rakkoo jiru mariin akka furatan, hidhaa fi ajjeechaan akka dhaabbatu, waraanni hafee rakkoon siyaasaa mariin furmaata akka argatu, yakkoonni raawwataman qaama walaba taheen qoratamanii yakkamtoonni seeratti akka dhiyeeffaman gaafataa turreerra jedhe.

Haata’u malee gaaffiin keenya deebii utuu hin argatin dararaan uummata keenya mudatu daran hammaataa dhufeera jedhe. Rakkoolee uummaticha mudataa jiranitti xumura gochuufis qaamolee garaagaraatiif waamicha dhiyeesseera.

Ajjeechaa suukanneessaa fi dararaa raawwatame mormuuf sochii Qeerroo fi Qarreen, Ummanni Oromoo akka waliigalaatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti karaa nagaa taasisaa jiran Manni Maree Amantaalee Idil addunyaa kan deeggaru tahuu ibseera. Ummanni Oromoo bal’aan balaa guddaa itti dhufe kana ofirraa deebisuuf tokkummaadhaan akka kahu dhaamsa keenya dabarsina jedhe. 

Miidhamni Oromoo tokkoo miidhama Oromoo hundaa akka tahetti hubachuun Uummanni Oromoo yeroo ulfaataa kanatti naannoo, kutaa, amantaa fi ilaalcha siyaasaan osoo wal hin qoodin akka wal tahu, Oromoon kutaa tokkoo yoo miidhamu Oromoon kutaa hundaa wal tahuudhaan balaa irra gahe tokkummaan akka qolatu waamicha abbummaa taasifna jedhe  Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil addunyaa.

Qaamni seera eegsisu Poolisii fi Humni Addaa Oromiyaa, akkasumas dhalattoonni Oromoo RIB fi Poolisii Federaalaa keessa jirtan, akkasumas sadarkaa addaa addaatti waajjira mootummaa keessa hojjettan, yeroo uummanni keessan dararaa hamaa jala jiru kanatti Uummata keessan badii jalaa oolchuuf aantummaa keessan akka mul’iftan dhaamna jedhe.

Kana malees Hayyoonni, Hoogganoonni Siyaasaa fi Geggeessitooti Oromoo,  yeroo kanatti garaagarummaa yaadaa, adeemsaa fi ilaalchaa cinatti dhiisuun tokkummaan dhaabbatanii uummata isaaniif hoggansa cimaa akka kennan gaafate Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil addunyaa. Rakkoo yeroo ammaa uummata keenya mudateef wal hubachuu dhabuun geggeessitoota Oromoo shoora guddaa qabaachuu ibsuun kan darberraa barachuu akka barbaachisus dhaamaniiru.

Gama biroon geggeessitooti amantaalee Oromoo biyya keessaa rakkooleen waggoota afuran darbaniif itti fufiinsaan uummaticha mudataa turan akka furamaniif uummatichaaf sagalee tahuu irratti gahee akka Abbootii Amantaatti bahuun irraa eegamu hin baane kan jedhu Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil addunyaa, uummata dararaan irra jiru cina dhaabbachuu akka qaban gaafateera.

Hawaasni Diyaaspooraa uummata keessaniif hamilee ta’uuf hojii hojjetaa turtaniif galata qabna, yeroo murteessaa kanattis hirmaannaan keessan murteessaadha jedhe. Hawaasni diyaaspooraa tokkummaan uummatasaa biyya keessatti rakkoo jabaaf saaxilamee jiru cina akka dhaabbatu, keessumaa gargaarsi namoomaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaafamaniif taasifamu akka cimu, hojiin uummataaf sagalee tahuus jabaatee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil addunyaa.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Hawaasni Oromoo Biyya Ameerikaa magaalaa Atlanta fi naannooshee hiriira bahuun ajjeechaa Garee Milishaa Faannoo Amaaraa fi Waraana Mootummaatiin Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan raawwatamaa jiru balaaleffatan.

News: Opposition OFC calls for comprehensive peace solution to Oromia war to avert looming national crisis