in

Manneen barnoota Finfinnee Afaan Oromoo qofaan hojii baruu fi barsiisuu raawwachaa jiran hir’ina meeshaalee barnootaatiin rakkataa jiraachuu baraiisoonni himan.

[ad_1]

Manneen barnoota Finfinnee Afaan Oromoo qofaan hojii baruu fi barsiisuu raawwachaa jiran hir’ina meeshaalee barnootaatiin rakkataa jiraachuu baraiisoonni himan. 

 

Manneen barnoota kunneen bajata mootummaa naannoo Oromiyaatiin ramadamee fi gargaarsa dhaabbilee tola oltummaarraa argameen bara 2018 hundeeffaman. 

Haata’u malee, waggaa tokko booda bara 2019 manneen barnootaa kunneen bulchiinsa magaala Finfinnee jala galaniiru.

Akka barsiisonni fi maatiin Addis Standarditti himanitti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisan magaalaa Finfinneetti argaman tajaajila baruu barsiisuu kennaa haa jiraatan malee rakkinoota hir’ina bishaanii, hir’ina daree barnootaa fi rakkoowwan qulqullinaa hamaa keessa jiru.

Manneen barnootaa kunneen meeshaalee bu’uuraa manni barumsaa qabaachuu qabu hin qaban” jedhu barsiisonni. Barsiisaan mana barumsa Jeneraal Waaqoo Guutuu akka jedhetti, manni barumsichaa daree gahaa hin qabu.

“Barattoota 70 hanga 80 kan ta’antu daree tokko keessatti barata. Fakkeenyaaf dareen kutaa saddeetii hundi barattoota 80 of keessatti qabatu. Kutaan lakkoofsa gadi aanaa qabu barattoota 80 qabata” jedhan.

Kanaafuu hir’inni daree rakkoowwan hammaataa keessaa isa tokkoo ta’uu himan.

Mana kitaabaa banuuf kitaabota gahaa qabna kutaa garuu hin arganne kan jedhan barsiisonni, gamoon darbii shan qabu ijaaramuu jalqabee ture garuu sababa hin beekamneen addaan citee hafeera jedhan.

Rakkinni bishaanii rakkoolee biroo qulqullinaan walqabatanii dhufan qaqqabsiisuusaa barsiisonni himu.

“Bishaan  torbanitti guyyaa lama duwwaa dhufti. Bishaan kuusuufis qodaa gahaa hin qabnu. Daa’imman nyaatanii harkasaanii dhiqqachuuf rakkachaa jiru. Manneen barnootaa waa’ee qulqullina barsiisuu dirqama qabu. Ani akka barsiisaa tokkootti waa’ee qulqullinaa barattootaa barsiisuu nan qaana’a,” jechuun kan ibse barsiisaadhuma mana barumsichaati.

Rakkinni bishaanii, hir’inni daree barnootaa fi  manneen fincaanii rakkina qulqullinaa dhabuu daran akka wal xaxaa godhan ibseera. 

Manneen fincaanii mana barumsa Jeneraal Waaqoo sadarkaa 1ffaa sababa bishaan hin jirreef rakkina qulqullina kan qaban ta’uus Addis Standard mirkaneesseera. 

Gamoon ijaarsi jalqabame addaan cite tokkos mooraadhuma mana barumsichaa keessa jira. Manni barnootaa Afaan Oromoo  kun sadarkaa manneen barnootaa mootummaa Finfinnee keessa jiranii gadiidha jedhame.

Barattoonni mana barumsichaas rakkooleen eeraman kan jiran ta’uu mirkaneessaniiru. Hanqinni bishaanii rakkoolee biroo adda addaa qaqqabsiisaa kan jiru ta’uus himaniiru. Barattuu mana barumsichaa kan taate Feenaan Addaamuu kutaan barattoonni dubaraa uffata itti geeddaratan hin jiru jetti. 

Barsiisaan mana barumsa Jeneraal Taaddasaa Birruu sadarkaa 2ffaa kan kutaa magaalaa Gullalleetti argamuu Addis Standard dubbise manni barumsaa hir’ina baajataa kan qabu ta’uu eeraniiru.

“Mana barumsaa saaquun qofti gahaa miti. Tajaajilonni biraa guutamuu qaban waan jiraniif. Rakkina ture furuuf hawaasa mana barumsichaa nus dabalatee hirmaannaa taasiseera. Buusiin maatiin baaseen keessoo mana barumsichaa mijeeffamee jira. Rakkinni hir’ina kutaas furameera. Sirreeffamuun dura dirreen mana barumsichaa biyyoo ture. Buusii  sassaabameen sirreefame,” barsiisichatu jedhe.

Manneen barnootaa jiraniis gahaa miti, Lakkoofsi manneen barnootaa xiqqoo dha kan jedhan barsiisonni, Barsiisonni qormaataan dorgomanii kan filataman waan ta’aniif gahumsa ni qabu jedhu. 

Manni barumsaa Janaraal Waaqoo Guutuu Sadarkaa 2ffaa mooraa fi gamoo ofii mataasaa hin qabu waan ta’eef kireeffatee barsiisaa jiraachuu barsiisonni ibsaniiru. Manneen barnoota Afaan Oromoo hafanis rakkina walfakkaataa kan qaban ta’uu barameera. 

Maatiin mana barumsa Burqaa Waayyuu tokko akka Addis Standarditti himeetti immoo sababa qulqullinaa fi rakkoolee biroo erga hubatee booda ijoolleesaa achii baasee mana barumsaa fooyyee qabu biraatti geeddaruuf kan dirqame ta’uu hubachiiseera. 

Hooogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatu garuu ”gaaffiin kanaan dura manni barumsichaa nutti dhiyeesse hin jiru, gaaffii isaan dhiyeessaniif deebii kan laannu ta’a” jedhan.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Hidhattoonni mootummaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu ganda Sariitii jedhamutti Manguddoo loon tiksaa ture maalif bilbila haasofta jechuun loon biraa fuudhanii ganduma isaa keessatti bifa sukkanneessaan ajjeesan jedhu jiraattonni.

Dhalattoonni Oromoo Washington DC fi naannooshee jiraatan hiriira bahuun haleellaa Diroonii fi yakkoota waraanaa bulchiinsi Abiy Ahimad Oromiyaa keessatti raawwataa jiru balaaleffatan.