in

Magaalaan Kaachisii ajjeefamuu barsiisota isheen gadda cimaa keessa jirti jedhu jiraattonni. – OMN

[ad_1]

Magaalaan Kaachisii ajjeefamuu barsiisota isheen gadda cimaa keessa jirti jedhu jiraattonni.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat magaalaa Kaachisiitti humnootiin mootummaa barsiisota 2 Abbaa warraa fi haadha warraa ulfa ji’a torbaa taate manaa gadi waamuun bakka tokkotti itti dhukaasanii ajjeesan. 

Taateen rifachiisaa kun kaleessa halkan akka raawwatame namoonni ijaan argan OMN-tti himaniiru.

Barsiisaa Getaachoo Kiisii magaalaa Kaachisiitti barsiisaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 1ffaati.

Barsiistuu Gannat Birrii immoo barsiiftuu Mana Barumsaa Kamisaa Sadarkaa 1ffaati.

Waliin bultii ijaarratanii daa’ima xixiqqoo lama qabu.

Kan 3ffaa dahuuf ji’oota muraasatu hafaaf.

Barsiisota dhaloota qaranii fi  waliin bultii ijaarratan kanatu bifa sukkaneessaan bakka tokkotti halkan kaleessaa rashaname.

Waanti ta’e akka kana. Namoota ijaan argantu OMNtti hime.

Barsiisaa Geetachoo Kiisii Baayisaa dabalatee haati warraasaa Barsiistuu Gannat Birrii, firri isaanii hojjetaa baankii Siinqee ta’e gaa’ila ijaarratee akka aadaa naannoo sanaatti shanan baasuuf waamicha isaan waamnaan garas adeemani.

Kennaalee adda addaa isaaf bituun Barsiiftuu Gannatii fi Geetachoon qe’ee ofii  daa’imman xixiqqoo fi obboleettii barsiistuu Gannatitti dhiisuun qofaa ofii gara waamicha kanaa dhaqani. 

Erga isaan manaa ba’anii humnootiin nageenyaa mootummaa muraasni gara mana jireenya barsiisota kanaa adeemuun karra rurrukatan, kan isaanitti gad ba’ee haasofsiises obboleettii barsiistuu Gannat turte. 

Qaamoleen nageenyaa kunniin barsiisaan Geetachoo fi Gannat mana akka hin jirree fi eessa akkasaan jiran gaafachuun daa’imman kanarraa erga adda baafatanii booda, fuula isaanii fi afaan qawweesaanii gara mana waamichaa isaan jiraniitti naanneffatani.

Humnoonni mootummaa kunis, bakka waamichaatii nama itti erguun akka gad ba’aniif waamsisan. 

Farri hamtuun akka isaan hordofaa jirtu kan quba hin qabne Barsiisaa Geetachoo Kiisii, “silas sa’atiin waan deemeef nutis galuu qabna” jechuun nagaa isaanitti dhaamuun haadha manaasaa ulfa ji’a torbaa taate barsiistuu Gannat harka qabachuun mana keessaa gad ba’e.

Battaluma sana garuu waamichi gammachuu isaan dhaga’anii garas adeeman, waamicha gaddaatti gedderame. 

Humnootiin nageenya mootummaa balbalarra dhaabbatanii isaan eegan rasaasa itti dhukaasuun Barsiisaa Geetachoo kuffisan. 

Geetachoon rifaatuunis ta’u xiiqii, rukutamee battaluma ol ka’uun haadha warraasaa dhoksuuf yoo yaalu ammas rasaasni dabalataa isa rukute. 

Rasaasni diinaa kun ulfa garaatii qabdu ta’uusheefillee ishee hin hedanne. Barsiistuu Gannat Birriis rukutuun abbaa warraasheetti dabalani. 

Barsiisaa Geetachoo Kiisii battaluma sana lubbuun isaa kan darbe yoo ta’u, Barsiistuu Gannat ammoo turtii sa’atii tokkoo booda bakka itti rukutamtee kaafamuun, Hospitaala erga seentee booda lubbuun ishee darbe. 

Guyyaa gaafa ajjeefamtee ganama barsiistuu Gannat Buufata fayyaa Gibdabarat dhaquudhaan hordoffii ulfaa taasiftee turte.

Gara jabeenyi humnootii nageenya mootummaa kun, Abbaafi haadha dabalatee dhalootee sichi dhalattu ulfa ji’a torbaa waliin miseensota maatii bakka tokkotti galaafate.

Ajjeefamuu isaanii dura doorsifni adda addaa kaabinee fi humnoota nageenya mootummaarraa isaan qaqqabaa akka ture kan himan maddeen OMN, miseensota maatii barsisota kanneenii keessaa muraasni miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo waan ta’aan qofaaf haaloo baafannaan irratti raawwatamee jedhu jiraattonni.

“Firoonni keessan bosona keessa jiran utuu nu ajjeesanii, isin nagaatiin as hin teessan” doorsifni jedhu yeroo adda addaatti akka irra ga’aa ture, barsiisaa Geetachoon hiriyootasaatti himaa akka ture OMN-tti himaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Finance Minister Holds Talks with Danish Minister for Development Cooperation

Forum Discuss About Creating Market Linkage for Ethiopian Coffee in China