[ad_1]
Magaalaa Sulultaa keessatti waraqaawwan waamicha duguuggaa sanyii Oromoo irratti labsan bittinfamuun ibsame.
Waraqaawwan finxaaleyyii Amaaraan bittinfaman kunneen Oromoo jumlaan fixuuf waamicha godhu.
Waamichi akkanaa balaa hamaa akka baatuu fi xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu hayyoonni himanii jiru.
Waggoota muraasaa as finxaaleyyiin kunneen waamicha wal fakkaataa Oromoo balleessuu gochaa akka turan yaadachiisan.
Ajandaan kun qondaalota mootummaa, dureeyyii, miidiyaa fi paartilee Finfinnee fi magaalota Oromiyaa maadheffataniin deeggarama iedhame.
Bulchiinsi magaalaa Sulultaas ta’ee kan naannoo Oromiyaa waraqaawwan duguuggaa sanyii kanarratti waan jedhan hin qaban.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings