[ad_1]
Magaalaa Naqamteetti Barattoonni Mana Barumsaa Calalaqii, Dargee fi Kaatoolikii ajjeechaa waraana mootummaan bobbaasuu fi Humna Milishaa Naannoo Amaaraatiin Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru mormuun hiriira bahan.
Waa’ee Ummata keenya haleellaa lafoofi Qilleensaan guyyaa guyyaan qe’ee isaatti duguugamaa jiruu cal hin jennu, Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu kan jedhan barattoonni kunniin, haala raakkisaa sagalee ofii dhageessifachuuf jiruun osoo hin daangahin hiriira bahuun Ummata isaaniif sagalee ta’aniiru.
Ummanni Oromoo gocha duguuggaa sanyii irratti aggaamame callisaan wal irratti ilaaluu akka hin qabnes gaafatan.
Hammam Barattoonni kunniin mormii isaanii karaa nagaa ibsataa turanis humna poolisii magaalaa Naqamtee buufatee jiruun reebichi irratti raawwatamuufi hedduun qabamanii hidhaatti guuramuu odeeffannoon arganne nimul’isa.
Hiriirri walfakkaatu Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaratii fi Godina Arsii keessatti geggeeffamuu OMN maddeen garaagaraa irraa odeeffateera.
Mormiin barattootaa kun gara dhaabbilee barnootaa olaanoo fi iddoowwan biroottis babal’achuu mala jedhameera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings