[ad_1]
Magaalaa Adaamaa keessatti namoota nagaa adamsuufi hidhuun akkaan hammaatee jira jedhu maddeen.
Guyyaa kaleessaa jechuunis Fulbaana 20, 2022 humnoonni mootummaa bakka mana gurgurtaa uffata aadaatti dhaquun, Aadde Biliisummaa Huseen bakka hojiirraa qabanii hidhuu maddeen OMN himaniiru.
Aadde Biliisummaa Huseen mana gurgurtaa uffata aadaa guddaa magaalaa Adaamaa keessaa akka qabdu kan himan maddeen, yeroo qabamte sanatti qophii Irreechaaf jecha, maammiltoota ishee keessummeessuutti ko’ommattee turte jedhu.
Poolisii humna addaa Oromiyaatiin fudhatamuunshee kan himamu, yeroo ammaa kana Waajjira Poolisii Aanaa 4ffaa Magaalaa Adaamaatti hidhamtee jiraachuushee OMN odeeffateera.
Aadde Biliisummaa Huseeniin alattillee magaalicha keessatti, namoonni nagaan hedduun hidhamaa jiraachuu kan himan maddeen OMN, tibba Irreechaa eeganii sabboontota hidhuun magaalicha keessatti aadeffatameera jedhu.
Bara darbes irreecha jala Aadde Bilisummaafi Abbaa ishee obbo Huseenis qabamuun utuu mana murtiitti hin dhiheessin ji’a afurii oliif erga hidhanii booda akka hiikaman maddeen keenya yaadachiisaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings