Madda jiruuf jireenya hawaasa baha Oromiyaa kan ta’e gabaa Jimaa ugguruun uummaticha balaa hamaaf saaxiluu dha jedhame.
Torbee Jimaa ykn Duula magariisa jechuun Duulli uggura Jimaa balaaleffatu karaa miidiyaa hawaasummaa godhamu itti fufeera.
Duula kanaan Jimaan waa hunda hawaasa baha Oromiyaa ta’uu ibsaa jiru namoonni. Isaan gaaffilee qotee bultoonni jimaa oomishan bu’aa humnaa fi carraaqii isaaniitti fayyadamtoota duraa tahuu morman Saamtotadha, Gaaffii mirgaa qotee bultoota jimaa kana dura dhaabbachuu hujii cubbuuti jedhu Hayyuun seeraa Doktar Bayaan Asoobaa.
Jimaan madda diinagdee, hariiroo hawaasummaa fi aadaa uummatichaa ta’uu kan kaasan warri duula kana oofan mootummaan gabaa jimaa bakka duriitti deebisuu akka qabu gaafatan.
Sochiin qonnaan bultoonni Oromoo oomisha isaanii jimaa irraa fayyadamaa duraa ta’uuf godhaa jiran sochii haqaati jedhu.
Abdataa Bakar dhalataa Haramaayaati. Ilma qonnaan bulaatis. Hawaasni baha Oromiyaa fi Jimaan hariiroo jabaa akka fuula lamaan saantima tokkoo qabaachuu dubbata. Jimaan utubaa diinagdee uummatichaa ti. Hariiroo hawaasummaa fi aadaa isaa keessaa kan jimaan dhabame hin jiru jedha turtii OMN waliin godheen.
Abbaan warraa ooyruu jimaa hin qabne Harargee keessa hin jiru kan jedhu Abdataan uummanni kun Jimaa gurguratee midhaan nyaataa akka bitatee of jiraachisu hima.
Uggurri amma jimaarra kaayame uummata kana beelaaf saaxilee akka jiru hima. Keessumaa waqtiin amma keessa jirru waqtii murteessaa jimaan cabee magaalaa geeffamu ta’uu ibsa.
Magaalotni baha Oromiyaa irraa caalaan sochiin diinagdee isaanii Jimaa ta’es amma onanii akka jiran hima. Daldaltoonni fi maatiin baay’een magaalota kanneen gadhiisanii gara baadiyyaa buqqa’aa jiraachuu dubbata.
Oduu wal qabatuun utubaa jiruu hawaasa baha Oromiyaa kan ta’e gabaa jimaa ugguruun uummaticha balaa hamaaf saaxiluu ta’uu kan ibsu Torbee Jimaa ykn Duula magariisa jechuun Duulli uggura Jimaa balaaleffatu karaa miidiyaa hawaasummaa godhamu itti fufeera.
Warri gaaffilee qotee bultoonni jimaa oomishan bu’aa humnaa fi carraaqii isaaniitti fayyadamtoota duraa tahuu morman Saamtotadha, Gaaffii mirgaa qotee bultoota jimaa kana dura dhaabbachuu hujii cubbuuti jedhu Hayyuun seeraa Doktar Bayaan Asoobaa.
Mootummaan gabaa jimaa bakka duriitti deebisuu akka qabu gaafatan.
Sochiin qonnaan bultoonni Oromoo oomisha isaanii jimaa irraa fayyadamaa duraa ta’uuf godhaa jiran sochii haqaati jedhu.
GIPHY App Key not set. Please check settings