in

Lola Kaaba Itiyoophiyaatti irra deebiin jalqabe hordofee gamtaan Afrikaa mariin nageenyaa akka eegalamuuf qaamolee walwaraanaa jiraniif xalayaadhan waamicha taasise.

[ad_1]

Lola Kaaba Itiyoophiyaatti irra deebiin jalqabe hordofee gamtaan Afrikaa mariin nageenyaa akka eegalamuuf qaamolee walwaraanaa jiraniif xalayaadhan waamicha taasise.

 

Mootummaan Itoophiyaa waamicha kana kan fudhatu tahuu beeksiseera.

Mootummaan Tigraay ibsa baasen, marii araaraa Dilbata dhufu irraa eegaluun Afrikaa Kibbaatti adeemsifamu irratti hirmaachuuf qophii tahuu himeera.

Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el xalayaa Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakiif barreessaniin, waraana kana karaa nagaan furuuf qophii tahuu himaniiru.

Mootummaan Tigraay garee marii kanarratti hirmaatu gara Afrikaa Kibbaa erguuf qophii tahuu ibsuun booda dhimmootni ifa hin taane jiraaachuu himuun gamticharraa ibsa gaafateera.

 

“Mariin kun milkaa’inaan akka jalqabuuf qaamoleen biroo akka hirmaatan” baruu akka fedhu ibseera.

 

Taajjabdoota akkasuma gaheen hawaasa addunyaa maali jechuunis gaafateera.

Mariin gartuulee Itoophiyaa keessatti walwaraanaa jiranii fi gartuulee siyaasaa mara hin hirmaachifne furmaata waaraa Itoophiyaaf fiduu hin danda’u jedhamuun qeeqamaa jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: EU to present resolution extending mandate of UN Rights Experts on Ethiopia

Kenyan President William Ruto Visits Science Museum –