[ad_1]
Liibiyaa fi Somaalilaanditti baqattoonni Itoophiyaa haala hamaa keessa jiraachuu himan.
Baqattoonni Oromoo biyya Somaalilaand magaalaa Hargeessaa keessa jiraatan dararaan qaamoota mootummaatiin nurratti rawwatamaa jiru hammaatee itti fufee jiraa jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa baqannaan Liibiyaatti argamanis haala hammaataa keessa jiraachuu himatu.
Baqattoota kanneen gidduudhaa isaan OMN’f yaada laatan humnonni mootummaa dhalattoota Oromoo magaalaa keessa jiraatan kanneen waraqaa heeyyama jireenyaa qabaniifi kan hin qabnelleen osoo addaan hin baafne iddoo hojii fi magaalaa keessatti yoo argan jumlaadhaan reebicha nurratti raawwatuu jedhan.
Hidhaan namoota nagayaarratti raawwatamaa jiruus hammaachuu himaniiti jiru.
Rakkoo biyya tana keessatti dhalattoota Oromoorra gahaa jirtu tanaaf qaama furmaata nuuf kennu dhabnee jedhan.
Gama birootiin waajjirri dhaabbata mirga baqattotaaf falmu UNHCR bara 2021 irraa kaasee hanga ammaatti kan biyya keessan bulchaa jiru mootummaa Oromooti isin hin galmeessinu jechuun galmee nu dhoorkanii jiruu jedhu.
Kana malees tajaajila gama isaaniin daa’imman baqattootaaf kennamu tajaajiloota akka fayyaafi barnootaa faa kennuu dhiisanii waan jiraniif ijoolleen baay’een wal’aansaafi barnoota dhabanii jiraachuu himanii haalli keessa jiran hammaataa ta’uu dubbatu.
Oduma walqabateen lammiileen Itoophiyaa biyya Liibiyaatti hidhamanii jiran haalli qabiinsaa manneen hidhaa itti hidhamanii akkaan hammataa ta’uu himaniiru.
Humnoonni nageenyaa biyyattii lammiilee hidhamanii jiraniin maallaqa guddaa fidaa jechuun reebicha hamaa irratti raawwataa jiraachuu lammiileen kunneen ibsanii jiru.
Kanneen hidhamanii jiran malees warri magaala keessa jiraatus bahee galuuf sodaa keessa jiraachuu dubbatan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings