in

Lammiileen Itoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum jiran dararaan adda addaa humnoota tikaa biyyattiin isaanirra gahaa jiraachuu himan. – OMN

[ad_1]

Lammiileen Itoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum jiran dararaan adda addaa humnoota tikaa biyyattiin isaanirra gahaa jiraachuu himan.

 

Lammiileen Itoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum jiraatan reebichaa fi hidhaa dabalatee dararaan adda addaa humnoota tikaa biyyattiin isaanirra gahaa jiraachuu himan.

Gama birootiin kanneen gara biyyaa galuu barbaadan karaan itti cufamee waan jiruuf yaaddoo keessa jiraachuu himan.

Lammiilee kanneen gidduudhaa dhalattoonni Oromoo OMN dubbise gochaan akkanaa kun kanaan duras dabree dabree jiraachuu himaniiti jiru.

Tibbana garuu erga waldhibdeen mootummaa Sudaan fi mootummaa Itoophiyaa uumame as bifa haarawaan   nurratti raawwatamaa jira jedhan.

Humnonni tikaa biyyattii lammiilee Itoophiyaa iddoo hojii isaanii fi magaalaa keessatti akkasuma iddoo argan maratti gaaffii tokko malee reebuun qabanii hidhaatti guuraa jiruu jedhu.

Kana dura namoonni qabaman kallattumaan gara biyyaatti galfamu kan jedhan dhalattoonni Oromoo dubbifne kun, yeroo dheeraa as ammoo adeemsi sun hafee kanneen qabaman manuma hidhaatti dararamaa akka jiran dubbatan.

Haaluma kanaan lammiileen biyyattii baay’een manneen hidhaa garaagaraa  haalli qabiinsa isaanii hammaataa ta’e keessatti dararamaa jiraachuu himaniiru.

Gama birootiin lammiiwwan Eertiraafaa ilmaan isaanii akkuma warra biyyaa mana baruumsaa geessanii  barsiifatu kan keenya ilmaan barsiifachuuf maallqa baay’ee  gaafatamna jedhan.

lammiileen Itoophiyaa ilmaan ofii biyyatti galfachuu turan yeroo ammaa ammoo karaan waan cufameef ilmaan galfachuu dadhabanii yaaddoo keessa jiraachuu dubbaan.

Haalli  baqattooni kunneen keessa jiran guyyumaan guyyarraa hammaachaa dhufuun lammiilee gaaga’ama hamaa keessa buusaa jiraachuu himaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Mootummaan marii hunda hirmaachise akka taasisu dhiibbaa hawaasni addunyaa godhu laaffisuuf ajjeechaawwan bakka garaagaraatti raawwatamaa jiran WBOtti qabataa jiraachuu hin oolu jedhu hayyoonni.

Qondaalonni KFO obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Jawaar Mohaammad gareewwan Itoophiyatti wal waraanaa jiraniif waamicha nagaa taasisan. – OMN