Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa biyya Sa’ud Arabiyaa jiran dhukkuboota adda addaaf saaxilamuun miidhamaa jiraachuu himan.
Mana hidhaa Haddaa jedhamu keessatti hidhamanii kan jiran lammiileen Itoophiyaa, dhukkubni qaama hargansuu miidhu kutaalee hidhamaa maratti baay’achuun, hidhamtoota miidhaa jiraachuu himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbaa ol tahan manneen hidhaa biyya Sa’udi Arabiyaa garaagaraa keessatti rakkachaa kan jiran yoo ta’u, manneen hidhaa itti hidhamanii jiran maratti haalli qabiinsa mana hidhaa akkaan hammaataa tahurraa dararaa adda addaa keessummeessaa jiraachuu irra deddeebiin himaa turaniiru.
Haaluma kanaan, Lammiilen biyya Saa’ud Arabiyaa Godina Makkaa mana hidhaa Haddaa keessatti hidhamanii jiran dhibee daddarbaa garaagaraaf saaxilamuu himan.
Torbee dabre irraa eegalee, dhukkubni qaama hargansuu miidhu kutaalee hidhamaa mana hidhaa Haddaa keessa jiran maratti baay’achuun, kutaa tokko keessaa namoonni 20 caalan laaffachuufi erga laaffatanii gara mana yaalaa geeffamaa jiraachuu dubbata isaan gidduudhaa dhalataan Oromoo OMN dubbise.
Yeroo ammaa irra caalan hidhamtoota mana hidhaa Haddaa dhukkuba kanaan qabamaa jirraa jedhu.
Bulchitoonni mana hidhaa, hanga hidhamtoonni garmalee laaffatanii du’aaf dhiyaatanitti yaalaf kan hin baafne tahuu himan.
Kun ammoo lubbuu teenyaaf akka sodaannu nutaasisee jiraa jedhan.
Kana malees haalli qabiinsa mana hidhaa akkaan hammaataa tahuu himanii, osoo dhibeen kun nutti hin dhufin duraa fi erga dhibichi dhufeehis hanqina nyaataafi dhugaatiin miidhamaa jiraachuu dubbatu.
Embaasiin Itoophiyaa dhufee nu ilaalaa hinjiru, rakkoo keenya hundumaa qaama itti himannu dhabnee rakkachaa jirra jedhu lammiileen kunneen.
Akka lammiileen kunneen himanitti, mana hidhaa Haddaa jedhamu keessatti lammiileen Itoophiyaa kuma 16 ol tahaniitu argama.
GIPHY App Key not set. Please check settings