[ad_1]
Lammiileen Itoophiyaa biyya Saa’ud Arabiyaa mana hidhaa Shumeeysii keessatti hidhamanii jiran dararaa guddaa keessaa jiraachuu himan.
Yeroo dheeraaf mana hidhaa sana turuu dubbatan.
Hidhamtoonni kunneen OMNf yaada kennaniin, mana hidhaa keessatti dagatamuu dubbatan.
Isaan giddutti namoonni gad aanaan turtii ji’a 9 akka qaban, kaan ammoo hanga waggaa tokkoo fi ji’a shanii turuu himu.
Isaan keessatti namoonni dhukkubsatan, akkasuma kanneen umriin bubbulan, daa’imman kanneen umrii 14 fi 15 akka argaman himaniiru.
Kutaa hidhamaa dhiphoo tokko keessatti namoonni 250 hanga 300 walitti qabamanii beelaa fi dheebuun miidhamaa, dhukkubsatanii wal’aansa dhabuun dararamaa jiraachuu dubbatu lammileen kunneen wayita haala qabiinsa mana hidhaa sanaa ibsan.
Balaliin xayyaaraa lammiilee gara biyyaatti eegalame tasa dhaabbachuu malee maaliif akka dhaabbate hinbeeynu jedhan lammileen kunneen.
Mootummaan namoota muraasa gara biyyaa galchee hedduun mana hidhaa Sa’ud Arabiyaa keessatti dhiise jechuun komatu.
Haalli keessa jiran akkaan hammaataa ta’uu eeranii, uummanni sagalee akka ta’uuf gaafataniiru.
Mootummaan hojii lammiilee mana hidhaa Sa’ud Arabiyaa jiran galchuu eegalee deebisee akka itti fufus gaafataniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings