in

Lammiileen Itoophiyaa biyya Saa’ud Arabiyaa mana hidhaa magaalaa Jiddaa Shumeeysii keessatti hidhamanii jiran dararaa guddaa keessaa jiraachuu himan.


Lammiileen Itoophiyaa biyya Saa’ud Arabiyaa mana hidhaa magaalaa Jiddaa Shumeeysii  keessatti hidhamanii jiran dararaa guddaa keessaa jiraachuu himan.

 

Hidhamtoota kanneen gidduudhaa dubartoonni OMN dubbise  akka himanitti daa’imman wajjiin dararamaa hamaa keessa jiru.

Mana hidhaa keessatti dagatamnee jirra jechuunis dubbatan.

Waggaa tokkoof walakkaa dura mana hidhaa kana seenuu kan himan dubartoonni kunnen,  tibba dabre gaafa mootummaan lammilee gara biyyaa galchuu eegalu abdii horannee eegaa turree jedhan.

Adeemsi lammiilee gara biyyaa galchuu  tasa nurratti dhaabbatee abdii nukutachiise, embaasiin Itoophiyaa dhufee nun ilaalu, gaafa bilbilluuf ammoo mana hidhaarraa tahuu keenya hoggaa baran bilbila  nurratti cufuu jedhu dubartoonni kunnen.

Kutaa itti hidhamanii keessa heddumminaan jiraachuu fi yaalas dhabuu himu.

Ilmaan nurraa dhukkubsatan yaala nuuf geessaa jennee wayta gaafannu eegdonni mana hidhaa reebicha nurratti raawwatu kan jedhan namoonni yaada kennan, sababa kanaan daa’imman dhukkubsatanii wal’aansa dhabuun du’aafi jireenya gidduu jiruu jedhan.

Lammiileen kunneen mana hidhaafi rakkoo keessa jiran kana keessaa bahuuf qaamni dhimmi ilaalu furmaata nuuf kennuu qabaa jedhaniiru.

Biyya Saa’ud arabiyaa manneen hidhaa garaagaraatti lammiileen Itoophiyaa irra jireessaan ilmaan Oromoo tahan daa’imman dabalatee dubartoota, dargaggootaafi manguddonni hedduun gargaarsa dhabuun gidiraa argaa jiraachuutu himama.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Analysis: Eastern Oromia residents agonize from fresh mass detention, forced conscription; zonal officials deny multiple accounts – Satenaw: Ethiopian News

Humnoonni nageenyaa mootummaa qondaala ABO obbo Alamaayyoo Diroo hidhanii mirga mana murtiitti dhiyaachuu sarbuun himame. – OMN