[ad_1]
Lammiilee haleellaa diroonii fi humnoota lafoo mootummaatiin Oromiyaa keessatti ajjeefaman yaadachuuf sirni Dungoo ibsuu Boru Ameerikaa Washingtan DCtti adeemsifamuuf jedha.
Sirni dungoo ibsuu kun boru sa’atii 5:00PMtti White House fuulduratti akka raawwatamuuf jedhu qindeesaitoonni OMNtti himaniiti jiru.
Sirna dungoo ibsuu kana irratti dhalattoonni Oromoo fi michoonni sabichaa akka hirmaatan waamicha dhiheesaaniiru.
Oduu walqabateen ajjeechaa Oromiyaa keesaatti raawwatamaa jiru mormuuf Minisootaatti hiriirri mormii waamameeti jira.
Hiriirri mormii kun Sadaasa 17 bara 2022 sa’atii 1:00PMtti akka adeemsifamuuf jedhu qindeessitoonni himaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings