Lagannaan hojii fi manaa bahuu dhiisuu yeroo 3ffaatiif godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti kaleessa adeemsifame.
Lagannaan kun gaaffii naannoo ta’uu godina Guraagee manni marii godinichaa raggaase mootummaan ofduuba deebisuu isaatiin mormii qaban ibsuufi.
Waamicha lagannaa hojii fi manaa bahuu dhiisuu waamame hordofee magaalattiitti manneen daldalaa, baankonnii fi waajjiraaleen mootummaa kaleessa cufaa ooluu jiraattotatu OMNtti hime.
Poolisiin naannoo kibbaa fi kan magaalaa Walqixxee baay’inaan magaalattii keessatti mul’achuu kan himan jiraattonni, dargaggoota waliin walfuuldura dhaabbannaan akka tures ibsaniiru.
Godinni Guraagee qofaatti naannoo ta’uuf fedhii kan qabu yammuu ta’u, mootummaan immoo godinaalee biroo waliin kilaastaraan bakka tokkotti gurmeessee naannoo taasisuuf adeemsatti jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings