in

Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi Humnoota Mootummaa gidduutti geggeeffamu itti fufeera. – OMN

[ad_1]

Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi Humnoota Mootummaa gidduutti geggeeffamu itti fufeera.

 

Salaalee Aanaa Hidhabuu Abooteetti kaleessa lolli jabaan geggeeffamaa turuu OMN kan odeeffate wayita tahu, Godinaalee Lixaa fi Giddugala Oromiyaa biroottis lolli kun itti fufee jiraachuun beekameera.

Wal-waraansa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti deemaa jiru kanaan walqabatee kasaaraan waraanaa jabaan lubbuu namaa fi qabeenya biyyattii gaagahe mudataa jiraachuutu himama.  

Mootummaan Itoophiyaa ejjennoo rakkoo Oromiyaa waraananin hiika jedhuun itti fufuu filateera, kanaafis sochii waraanaa Oromiyaa keessatti taasisu dachaan guddiseera kan jedhu WBOn, Adeemsichi rakkoo jiru kan hammeessu malee furmaata kan argamsiisu miti jechuun qeeqeera.

Waraana Bilisummaa Oromoo fi Humnoota mootummaan bifa garaagaraan bobbaasu gidduutti lolli waggoota afuran darbaniif kutaalee Oromiyaa garaagaraatti geggeeffamaa jiru har’as cimee itti fufuun gaaga’ama waraanaa jabaa hordofsiisaa jiraachuutu himama.

Kutaalee Oromiyaa Waggoota darbaniif itti fufiinsaan lola kana keessummeessaa jiran keessaa tokko kan taate Salaaleetti ammas lolli itti fufee jira.

Aanaalee Godinichaa keessaa tokko kan taate Aanaan Hidhabuu Abootee kaleessa lola jabaa keessummeessuu OMN maddeen Odeeffannoo garaagaraa irraa odeeffateera. 

Lola kaleessa Aanichatti geggeeffameen kasaaraa jabaa waraana mootummaa irraan gahuu kan ibse Waraanni Bilisummaa Oromoo, Lola kana irratti loltoota mootummaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu, meeshaalee waraanaa jajjaboo Bireenii lamaa fi Isnaayiperii, Kilaashii ammayyaa fi kan duraanii waliigalaan 80tti dhihaatanii fi hidhannoowwan biroo waraana mootummaarraa booji’uu gama miidiyaa isaatiin ibseera.

Haata’u malee injifannoo Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsate kana ilaalchisuun qaamni mootummaa deebiin kenne hin jiru. 

Maddeen Hawaasaa gama isaaniitiin lolli jabaan Aanichatti geggeeffamaa turuu fi kasaaraan waraanaa jabaan mudachuu mirkaneessaniiru. 

Lolli kun har’as Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee dabalatee Aanaalee garaagaraatti geggeeffamaa jiraachuu, Godinaalee Lixa Oromiyaa iddoo garaagaraattis itti fufee jiraachuu odeeffanneerra. Kibba Oromiyaa Gujiittis lolli itti fufeera.

Kana malees gara Godinaalee Bahaa fi Kibba Baha Oromiyaatti babal’achaa kan jiru lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi Humnoota mootummaa gidduutti geggeeffamaa jiru kun Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessoo, Baale Aanaa Gobbaa fi iddoowwan biroottis turuu odeeffannoon maddeen garaagaraatiin ifa ta’an ni mul’isu.  

Lola geggeeffamaa jiruun kasaaraa waraanaa mudataa jiruun cinatti miidhaan lammiilee nagaa mudatu akkaan hammaateera. Keessumaa WBO deeggartu jechuun tarkaanfiin humnoonni mootummaa lammiilee nagaa irratti fudhatan jabaatee itti fufuu, haleellaa qilleensaa fi lafoon raawwatamuun namoonni nagaa gaaga’amaa jiraachuu fi qabeenyi hawaasaa manca’aa jiraachuu, sochiin hawaas diinagdee Ummatichaa danqamee Ummanni rakkoorra buhee jiraachuutu bakkaa garaagaraatii dhagahama.

Haata’u malee rakkoo sababa waraanaan biyyaa fi Ummata mudataa jiru kana tilmaama keessa galchuun, waraana kanatti xumura gochuuf ammas taanaan ejjennoon hin mul’atu. 

Inumaa humna waraanaa jabaa gara Oromiyaatti bobbaasuun, Oromiyaa itti fufiinsaan dirree waraanaa gochuun taatee tibbana gama mootummaatiin irra deddeebiin taajjabaa jirrudha jedhu maddeen odeeffannoo OMN. 

Waraanni Bilisummaa Oromoos sochii waraanaa mootummaan tibbana taasisaa jiruu fi ejjennoo Oromiyaa itti fufiinsaan dirree waraanaa gochuuf deemamu ilaalchisuun ibsa baaseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf waggoota afuran darbaniif waan danadahu mara yaaleera, tahus harkatti fashale kan jedhu Ibsi WBO, adeemsa tibbana itti jiruunis rakkoo Ummataa hammeessuu yoo tahe malee waraana kana balleessuun akka hin danda’amne hubachuutu barbaachisa jedheera. 

Waraanni Bilisummaa Oromoo haalli Oromiyaa sirnaan furmaata argachuu akka qabuuf irra deddeebiin waamicha dhiyeessus,  Mootummaan Itoophiyaa dhimma Oromiyaa irratti mariif qophii miti kan jedhu WBOn, kun ammoo Oromiyaan bu’uura aangoo siyaasaa fi diinagdee biyyattii tahuun walqabatee waliigalteen dhimma Oromiyaa irratti gahamu waa hunda na dhabsiisa yaaddoo jedhuun tahuu akeeke. 

Dhimma Oromiyaa mariin furuuf ejjennoo kan hin qabne bulchiinsi Abiy Ahimad Waraana kallattiin bobbaasuun maddiitti Poolisii Humna Addaa Amaaraa fi Garee Milishaa Faannoo bobbaasuun keessumaa Godina Horoo Guduruu Wallaggaatti walitti bu’iinsa sabaa qabsiisuuf yaalaa jiraachuus eera ibsichi.

Gama biroon waamicha marii hawaasni addunyaa taasisu gara dabarsuuf dabballootasaa maqaa abbootii gadaa fi Jaarsolii biyyaatiin gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaasuun ajajoota keenya gidduutti afaanfajjii uumuuf yaalaa jira kan jedhu ibsichi, adeemsa hiika hin qabnedha, dhugaan rakkoo furuutu barbaadama taanaan marii qaama walabaa idil addunyaatiin geggeeffamuuf of qopheessuutu barbaachisa jedhe. 

Kunis haala qabatamaa amma jiruun walqabatee biyya keessaa qaama walaba jedhamu argachuun kan hin danda’amne tahuu, marii hiika qabu taasisuun dandeettii loojistikii fi haala amansiisaa keessatti maryachuuf dandeessisu kan gaafatu tahuu,  mariin taasifamu bu’a qabeessa akka tahuuf bakka qaamni 3ffaan walaba tahetti mari’achuun kan barbaachisu tahuu, kun tahuudhaa baannaan garuu bu’aansaa waliigaltee Ertiraatti ABO fi mootummaa Abiy Ahimad gidduutti taasifamee ture dabaluudha jedhe. 

Waliigalteewwan mariin gahaman hojiitti hiikamuuf wabii tahuu kan danda’anis qooda fudhattoota idil-addunyaa waan taheef, marii qamolee idil addunyaa walaba tahaniin geggeeffamu qofatu furmaata argamsiisuuf danda’a ejjennoo jedhu jabeesseera.

Mootummaan gama isaatiin rakkinicha humnaan hiikutti cichuu isaa ifoomseera.

Hoogganaan biiroo kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa mootummaan WBO waliin maryachuuf akka hin jenne tibba kana gaazexeessitootatti himan.

Dura taa’aan EZEMA piroofeesar Birhaanuu Naggaas tibba darbe mootummaan rakkoo Oromiyaa humnaan hiikuu akka qabu dubbatan.

Xinxaaltonni siyaasaa dhimma waraanaa Oromiyaa hordofan gama isaaniitiin mootummaan WBO gaafa humna hanga ammaa hin qabne injifachuu dadhabe amma booda humnaaniin jilbeeffachiisa jechuun waan hin yaadamnee jedhu.

Kana malees gaaffiin WBO gaaffii uummataa hanga ta’etti WBO balleessuun gaaffiin uummataa balleessuun danda’amu hin jiru jedhan.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Demeke Confers with Kenyan Cabinet Secretary –

Commission to Begin National Dialogue in Coming March –