[ad_1]
Kutaalee Oromiyaa garaagaraatti daandiiwwan suphaa dhabuun manca’uu fi hojiin daandiiwwan fooyyessuu hojjatamuu dhabuun rakkoo hamaa keessa jiraachuu uummanni komata.
Rakkoon kun godinaalee mara keessatti bal’inaan akka mul’atu jiraattonni OMNtti himaniiti jiru.
Daandiiwwan duraan hojjataman suphaa dhabanii manca’anii badanii jiru kan jedhan jiraattonni, daandiiwwan ni hojjatamu jedhamanii mootummaan waadaa gales hin hojjatamin hafaniiti jiru jedhan.
Bakkeewwan muraasa daandiiwwan hojjachuun jalqabames otoo hangasuu hin hojjatin dhaabbachuun, waggootaaf lafarra harkifachuutu mul’ataa jedhaniiru.
Kun kufaatii sirni kun gama misooma bu’uuraatiin qabu kan agarsiisu aka ta’es dubbataniiru.
Kun otoo akkanaan jiruu jiraattonni godina Wallagga Bahaa daandiin Naqamtee Angar Guutee fi aanaalee heddu waqunnamsiisu hojjatamuu dhabuu fi manca’uu isaatiin sochiif rakkachuu himaniiru.
Jiraattonni godina Arsii Lixaa immoo daandiin Kofalee fi Qoree walqunnamsiisu manca’uu fi haala hammaataa keessa jiraachuu komatu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings