Kutaalee lallabaa garaagaraa naannoo Oromiyaatti angafoota phaaphaasotaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidootiif amantootaan simannaan taasifamaati jira.
Angafoonni phaaphaasotaa kutaa lallabaa Arsii, Arsii Lixaa, Booranaa, Gujii fi Harargee Lixaa gara godina kutaa lallabaa isaaniitti imalaniiti jiru.
Uummanni bakka gahan maratti simachuun gara teessoo isaaniitti gaggeessaati jira.
Teessoowwan kutaalee lallabaa kanneenitti jechuunis Shaashamannee, Asallaa, Bulee Horaa, Yaa’a Bal’oo fi Cirootti sirni simannaa ho’aan ni taasifamaafi jedhameera.
Kanaafis amantoonni heddumminaan eegaati jiru.
Qaamoleen tokko tokko bataskaana dahoo godhatanii hojii siyaasaa adeemsisaa turan simannaa kana gufachiisuu fi hookkara magaalaa Shaashamannee keessatti kaasuuf yaaliin taasisan hirmmaannaa uummataa fi humnooa nageenyaa mootummaan fashalaa’eetu jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings