in

Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (IRC) biyyoota bara 2023tti rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilamu jedhe keessaa Somaaliyaa fi Itoophiyaan sadarkaa duraa irratti argamuu ibse.

[ad_1]

Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (IRC) biyyoota bara 2023tti rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilamu jedhe keessaa Somaaliyaa fi Itoophiyaan sadarkaa duraa irratti argamuu ibse.

 

Koreen Baraarsa Idil-addunyaa ibsa roobii kaleessaa Mudde 14 bara 2022 baaseen sababa walitti bu’iinsaa, jijjiirama qilleensaa fi jeequmsa diinagdeetiin addunyaa irratti rakkoon namoomaa hammaatee jira jedhe.

Rakkoon namoomaa sababa waraanaa, jijjirama qilleensaa fi gaaga’ama diinagdeetiin addunyaa irratti hammaatuu Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa kun ibsee jira.

Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Afgaanistaan dabalatee biyyoonni 10 bara 2023tti rakkoo namoomaa hamaa keessummeessuf akka jiran korichi ibsee jira.

Biyyoota bara 2023tti rakkoo namoomaa hammaataaf saaxilaman keessaa Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Afgaanistaan sadarkaa duraa irratti kan argaman yoo ta’u, Ripaablika Demokiraatawaa Kongoo, Yaman, Siiriyaa, Sudaan Kibbaa, Burkinaa Faasoo, Heeyitii fi Yukreen biyyoota haala wal fakkaataa keessa jiranidha.

Biyyoota Afriikaa bahaatti hongee fi walitti bu’insi rakkoo namoomaa akka hammeesse kan ibse dhaabbatichi, eegduuwwan rakkoo namoomaa sababa walitti bu’iinsaa, jijjiirama qilleensaa fi gaaga’ama diingdeetiin lafaa dhufee jira jedhe.

Beelli Somaaliyaa keessatti mul’atee namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeesaa jira. Ji’a Amajjii hanga Onkoloolessaatti Somaaliyaa keessatti namoonni  miliyoona 1.7 ta’an gogiinsa fi walitti bu’iinsaan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu gabaasni kun eeree jira.

Sababa waldhabdee fi walitti bu’iinsaa akkasumas sababa hoongeen kutaalee Itoophiyaa hedduu miidheen barbaachisummaan gargaarsa namoomaa jalqaba bara 2022 dollaara Biliyoona 3 ture baatii Waxabajjii hanga Adooleessaa bara 2022tti gara dollaara biliyoonaa 3.3tti ol guddachuu ibsi Koree Baraarsa Idil-addunyaa ni mul’isa.

Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii “jalqaba waggaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara dhibbeentaa 11 dabaleera,” jedhan Itoophiyaatti Qindeessituun Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii doktar Kaatiriin Soozii.

Itti fufuun Itoophiyaatti qondaalli olaantuun dhaabbata mootummoota Gamtoomanii lakkoofsi kun “jalqaba bara 2022tti miiliyoona 20.4tti tilmaamame ture irraa gara miiliyoona 22.6tti ol guddatee jira.” jedhan.

Wal waraansi Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota qulqulluu kuma dhibbootaan lakka’amu nyaatee qabeenya doolaara biliyoona heddutti lakkaa’amu kan barbadeesse yoo ta’u, miliyoonotaan qe’ee isaanii irraa buqqisee jira.

Mootummaa dursee tarkaanfii ittisaa fudhachuu dhabuu isaatiin hoongee kibbaa fi kibba baha biyyattii mudate, loon miliyoonatti lakkaa’amu fixee ummata harka qullatti hambisee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Its Official : Ethiopian Airlines Announced As Partner For Nigeria Air

Ethiopia cancels gas, oil exploration contract with Chinese firm