in

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Haleellaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi naannoo isheetti raawwatame, Hidhattoota Naannoo Amaaraa Buree irraa dhufanii fi achuma Aanaa Amuruufi Ganda Haaroo jedhamtu irratti wal gurmeessaniin, qindoominaan kan raawwatame ta’uu mirkaneesse.


Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Haleellaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi naannoo isheetti raawwatame, Hidhattoota Naannoo Amaaraa Buree irraa dhufanii fi achuma Aanaa Amuruufi Ganda Haaroo jedhamtu irratti wal gurmeessaniin, qindoominaan kan raawwatame ta’uu mirkaneesse.

 

Tarkaanfiin Humnoota mootummaa yeroo dheeraaf bakkicha buufatanii turan kaasuuf dursa fudhatamee fi gochi garee maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin naannicha keessa socho’uun raawwatame, haleellaa kanaaf karaa banuu kan eeru ibsi Komishiinichaa, haleellaa kanaan lubbuun namoota nagaa 60 caalanii darbuu mirkaneesseera.

Naannichi ammas sodaa nageenyaa jabaa jala jira jedhe.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaa magaalaa Agamsaa fi naannoo isheetti Garee Shororkeessaa Faannoo fi Finxaaleyyii Amaaraatiin raawwatame kana ilaalchisuun torban tokkoon booda ibsa kan baase wayita ta’u, dhimmicha irratti callisa filachuunsaa walabummaa komishinichaa gaaffii keessa kan galchee fi qeeqa jabaaf kan saaxile ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gareen isa fakkaatee uummata irraa hidhannoo hiikee haleellaaf akka saaxilaman godhe garee mootummaan ijaarratee bobbaase akka ta’e himee jira.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruutti A.L.I. Hagayya 23 hanga Hagayya 25, 2014 gidduutti, haleellaa humnoota hidhataniin raawwatameen jiraattonni hedduun ajjeefamuu, hedduun madaa’uu fi Ummanni kuma 20 caalu buqqa’uun gara magaalaa Oborraatti baqachuuf dirqamuu eere.

Gochichi dhimma haalaan yaaddessaadha jedhe.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa, haleellaa kana hordofuun jiraattotaa fi qaamolee mootummaa dubbisuu, bu’uuruma kanaan Humni Nageenyaa mootummaa bakkicha buufatee ture bakkichaa kaafamuu hordofee lammiilee nagaa irratti haleellaan raawwatamuu mirkaneessuusaa ibse. 

Hagayya 23, 2014, Aanaa Amuruu Ganda Agamsaatti hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo sochii magaalaa guddoo Aanichaa kan taate Oborraa qabachuuf taasisaa turaniin dhalattoota saba Amaaraa 3 ajjeesuu kan eeru ibsichi, Hagayya 24 fi Hagayya 25 bara 2014 ammoo, Hidhattoonni Naannoo Amaaraa Aanaa Bureetii dhufanii fi Aanaa Amuruu, Ganda Haaroo jedhamturraa walitti dhufan, bifa qidaa’een magaalaa Agamsaa fi Gandoota Aanaa Amuruu jala jiran hedduu keessatti dhalattoota Oromoo  addatti fo’uun haleellaa irratti raawwachuu mirkaneesseera.

Gareen Hidhattootaa ka’umsa dubbii kanaa taheera jechuun Komishiinichi  Waraana Bilisummaa Oromoo jedhee ibse kun, Caasaa Waraana Bilisummaa Oromoo jala kan hin jirree fi Garee Milishaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun ijaaree bobbaasu ta’uu ABO-WBO’n ibsa dhimma kana ilaalchisuun baaseen ifoomsuun ni yaadatama.  

Haleellaa Guyyoota lamaan eeramanitti magaalaa Agamsaa fi Gandoota Aanaa Amuruu garaagaraa keessatti dhalattoota Oromoo irratti raawwatameen namoonni 60 ol ajjeefamuu kan eeru ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, namoonnii 70 ol madaa’uu, Horii fi qabeenyi hawaasichaa saamamuu mirkaneesseera.

Gandoota haleellaan kun itti raawwatame keessaa, kan ammallee yaaddoo nageenyaa jala jiran jiraachuufi sababa haleellaa kanaan ummanni kuma 20 caalu buqqa’ee magaalaa Oborraatti haala rakkisaa keessatti kan argamu ta’uus ibse.

Jiraattonni OMN’f akka ibsanitti miidhaan haleellaa kanaan walqabatee mudate kan Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ibse kanaan oli. 

Komishinichi waa’ee haleellaa gaaga’ama namoomaa guddaa hordofsiise kanaa irratti ibsa kan baase torban tokkoon booda wayita ta’u, callisni dhimmichaan walqabatee mul’ise walabummaa Komishinichaa gaaffii keessa kan buusee fi qeeqa jabaa kan hordofsiise ture. 

Dhimmicha keessumaa haleellaa ji’ootaan dura Aanaa Gimbii Ganda Tolee jedhamtutti dhalattoota Amaaraa irratti raawwatameera jedhame ilaalchisuun saffisa Komishinichi ibsa ittiin  baasee fi haala taatee Toleetti mudate jedhame ittiin ibse kan ammaa kanaan wal bira qabuun hedduun walabummaa Komishinichaa irratti gaaffii kaasaniiru. 

Haleellaa kanaan muddamni uumame hanga yoonaattuu hin tasgabboofne kan jedhu Komishinichi gama isaatiin, Aanaalee Godinichaa biroo: Jaardagaa Jaartee, Kiiramuu fi Abee Dongoroottis  haleellaawwan walfakkaatan mudachuu akka malan sodaan jiraachuu jiraattota wabeeffachuun ibseera.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa iddoowwan haleellaan itti raawwatametti humni nageenyaa mootummaa hatattamaan akka bobbaafamuu fi nagaafi tasgabbii mirkaneessuun jiraattota gara jireenya tasgabbii qabuutti akka deebisan, qorannoon barbaachisu taasifamee gaafatamni akka jiraatuuf gaafate.

Daayirekterri Olaanaan Komishinichaa Doktar Daani’ee Baqqalaa haleellawwan lammiilee nagaa irratti raawwataman kan isa yaaddesse tahuu ibsuun, yeroo kamittiyyuu humnoonni nageenyaa iddoowwan yaaddoo nageenyaa qabanii gara biraatti yeroo dabarfaman nageenyi lammiilee balaarra akka hin buuneef ofeeggannoon taasifamuu qaba jedhu.

Hammam Komishinichi bobbii humnoota mootummaa akka furmaata rakkoo kanaatti dhiheessus, jiraattonni haleellaa bifa qindaa’een raawwatame kanaan miidhaa jabaa keessummeessanii fi isaan sodaa nageenyaa jala jiran qaama mootummaa irraas amantaa dhabaniiru. 

“Haleellaa kana keessatti qaamni mootummaa gama naannoo Amaaraatiin bobbaafamu ifatti qooda fudhataa tureera, kan gama naannoo Oromiyaatiin jiru ammoo haleellaa kanaaf nu saaxiluurraan kan hafe, haleellaa kana nurraa qolachuuf yaaliin taasise hin turre” jedhu. Gochichi shira qaamuma mootummaan qindaa’e akka ta’es amanu.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: People In Need provides safe water to more than 8,300 inhabitants in Konso zone | Satenaw: Ethiopian News

Rally in Washington DC Denounces Unprecedented Pressure, Media Bias Campaign on Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News