[ad_1]
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa guyyaa kaleessa dhaddacha ijjibbaataa mana murtii waliigala Federaalaatti dhihaatan.
Guyyaa kaleessaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana murtiitti kan dhihaatan ta’us, abbaan alangaa osoo hin dhihaatan hafeera.
Himannoo Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ilaalchisee abbaan alangaa jala murtii mana murtii waliigalaa yeroo darbe dabarse komachuudhaan iyyata dhiheeffatee ture.
Beellama kanarrattis Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee abukaattonni isaanii kaleessa argamanii akka turan, gorsaa seeraa fi abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo obbo Tuulii Baayisaa OMN-tti himaniiru.
Iyyannoon garee Abbootii alangaa sun galmee namoota shanii kan qabatu ta’uu kan ibsan Obbo Tuuliin, himannaa sana keessa namootni turan Obbo Kiisii Qixxummaa, Osmaan Hasanii fi Lammeessaa Taakkalaa bu’uruma ajaja mana murtii olaanaatiin hiikamanii akka jiran yaadachiisu.
Dargaggoo Amaanu’el Ijjiguu ammoo waggootaaf isaan waliin hidhamee kan ture ta’us, erga manni murtii olaanaa Federaalaa biliisa isa baasee booda, gara qe’ee isaatti galaa osoo jiruu magaalaa Naqamteetti konkolaataa irraa buufamee erga ajjeefamee ji’otni hedduun darbuu dubbatu obbo Tuuliin.
Haa ta’uu malee galmee ol iyyannoo abbaan alangaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ilaalchisee fudhate kana keessatti, namoonni hiikamanii fi lubbuun darbanillee ni argamuu jedhu.
Guyyaa kaleessaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana murtiitti kan dhihaatan ta’us, abbaan alangaa osoo hin dhihaatan hafeera.
Abukaattonni Koloneel Gammachuu gama isaaniitiin yeroon isaaniif kenname gabaabaa waan tureef deebii barreeffamaa dhiheessuu akka hin dandeenye himanii, iyyannoo sana ilaalchisee komii qaban mana murtichaaf afaaniin ibsataniiru.
Manni murtichaas Koloneel Gammachuu erga haasofsiisee booda, borutti beellama qabachuun, poolisiin sababa ajaja mana murtii raawwachiisuu dadhabe barreeffamaan deebii akka dhiheeffatu, abbaan alangaas guyya sana irratti mana murtiitti akka dhihaatu ajaja dabarseera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings