[ad_1]
Kiiramuutti haadholiin sadii humnoota shororkeessitootaa Amaaraan ajjeefaman.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Guddinaa Jireenyaatti haleellaa humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiin lubbuun dubartoota sadii darbuun dhagahame.
Namoonni hedduunis madaa’uutu ibsame.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti humnootijn shororkeessitootaa Amaaraa haleellaa irra deddeebiin geessisaa turaniiru.
Haleellaa garee kanaatikn namoonni hedduun ajjeefamuu ragaaleen ni mul’isu.
Qabeenyi heddus mancaafamee, uummanni qe’ee usaa irraa godaanuuf hanga dirqamutti gahee jedhu jiraattonni.
Jiraattonni OMNf yaada isaanii kennan, tibba kanas gareen shororkeessaa Amaaraa kun irra deebiin haleellaa baneeti jira.
Haleellaa humnoonni shororkeessitootaa Amaaraa bifa haaraa bananiin, dubartoonni sadii ajjeefamuu jiraattonni himan.
Dubartoonni ajjeefaman maasaa qonnaa irra hojiif oolanii galaa osoo jiranii ajjeefaman jedhu jiraattonni.
“Aadde Naccituu Wayyeessaa Ballis, Aadde Magarsee Toleeraa Garbaa fi Aaddee Bokoraa Ayyaansaa maasaa qonnaarraa midhaan bu’atanii gara qe’ee ofiitti deebi’aa osoo jiranii harka finxaaleyyii kanaa seenan” jedhu jiraattonni.
Daa’imman isaanii xixiqqoon gariin fiiganii harkaa yoo bahan warri kaan ammoo erga to’atamanii gad lakka’amuu isaanii odeeffannoon OMN qaqqabe ni addeessa.
Namoonni hedduun biroonis madaa’uu himan jiraattonni.
Haleellaan gara jabinaan hawaasa Oromoo irratti raawwatamu kun ammallee itti fufee jiraachuu wal qabatee, manneen jiraattotaa bakka adda addaattis gubachaa jira jedhu maddeen aanichaa.
Mootummaan dhimma kanaaf furmaata kennuu dhabuun haleellaa kana keessaa harka qabaachuu isaa agarsiisaa kan jedhan jiraattonni ganda Guddina Jireenyaa, humni humnoonni shororkeessitiotaa Amaaraa alaabaa sirna moofaa durii qabatanii nama nagaa yeroo ajjeesan humnoonni nageenya mootummaa naannoo Oromiyaa callisuu filataniiruu jechuun komatu.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humnoonni shororkeessitootaa Amaaraa haleellaa irra deddeebiin raawwataa jiraniin lubbuun namoota hedduu darbuu ragaaleen mul’isu.
Qabeenyi guddaanis godinaalee kanneenitti uummata Oromoo jalaa mancaafamuutu himama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings