in

Kantiibaan magaalaa Finfinnee bakkeewwan muraasaan ala bakkeewwan biroo akkuma duraanii Finfinnee jalatti akka bulan himan. – OMN


Kantiibaan magaalaa Finfinnee bakkeewwan muraasaan ala bakkeewwan biroo akkuma duraanii Finfinnee jalatti akka bulan himan.

 

Inumaa daangeffama ammaatiin bakkeewwan haaraan magaalaa Finfinnee jalatti akka bulan taasifaman hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanach Abeebee fuula Facebook isaaniitiin ergaa barreessaniin, daangeffama bulchiinsaa waliigalteerraa ga’ameen naannawaan godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnees ta’e magaalaa Finfinneen bulaa turan akkuma jirutti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. 

Ta’us, Godinaa Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessa seenuun koondomiiniyemonni Finfinnee keessatti ijaaraman Koyyee Facce, Tulluu Diimtu gartokkeen, Jamoon lakkoofsi 2 Godina Addaa Oromiyaatti daangeffameera jedhan. 

Naannoon Oromiyaa kan ijaaree kondomiiniyamii naannawaa Labuu, Furii Haannaa fi Kondomiiniyamii Oromiyaa dabalatee hanga Laga Qarsaatti kan jiru Magaalaa Finfinneetti akka daangeffaman waliigalteerra ga’amuu ibsaniiru. 

Hayyoonni dhimma kana ilaalchisuun OMNf yaada kennan, waliigalteen ammaa kun uummata Oromoo kan miidhu ta’uu himaniiti jiru.

Gaaffiin uummanni Oromoo barootaaf gaafataa tures deebii dhabuu ibsaniitti jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Flagship Program Document Handover Held in Addis – | Satenaw: Ethiopian News

News: Thousands of Tigrayans illegally held in Afar camps begin return to Ab’ala town | Satenaw: Ethiopian News