Kanaadaa Edmentanitti hiriirri mormii mootummaa Itoophiyaa bahame.
Hawaasni Oromoo biyya Kanaadaa magaalaa Edmentan keessa jiraatu yakka mootummaan Bilxiginnaa Oromoo fi lammilee Oromiyaa irratti raawwataa jiru balaaleffatan.
Lammiileeen Oromoo Kanaadaa magaalaa Edmentanitti hiriira geggeessaniiti jiru.
Mootummaan Kanaadaa duula duguuggaa sanyii, ajjeechaa, dararaa fi buqqaatii ummata Oromoo irra gahaa jiru akka dhaabsisuuf tattaaffii godhu gaafatan.
Waraanni Oromiyaa irratti labsame akka dhaabbatuu fi humnoonni Oromiyaa alaa dhufan naannichaa saffisaaan akka bahuu qaban himaniiru.
Hiriira kanarratti dhaadannoowwan adda addaa dhageessifamaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings