Kaayyoo Gootonni Oromoo wareegamaniif fiixa ni baafna jedhe WBOn.
Waraanni Bilisummaa Oromoo “Baga guyyaa gootota Oromoo kan bara 2022’tiin isin gahe!” jechuun hawwii qabu ibse.
I/A/Ajajaa olaanaa WBO Gammachuu Abbooyyee, Guyyaan Goototaa guyyaa warra bilisummaa Oromoo fi walabumaa Oromiyaaf wareegaman itti yaadannu; Irraa barannudha jedhan. Akeeka isaaniis kudhaammannee galma qabsoo keenyaaf kan itti hojjennu jedhan.
Guyyaan Gootota Oromoo guyyaa Gootonni keenya shira diinaa farra tokkummaa ta’e fashalsuun wal faana itti wareegamanidha, Nutis kaayyoo isaanii qabannee karoora diinaa dura tokkummaan dhaabbachuun irbuu keenya haaromfanna jedhan Qondaalli olaanaa WBO kun.
Sirni Bilxiginnaa fi Finxaaleyyiin Abjuu Minilik qaban ji’a tokkotti WBO balleessina jechuun yeroo duula Oromoo iratti bananitti gootota keenya kana yaadachaa jirra kan jedhan Ajajaa olaanaan Waraanichaa, Murni Bilxiginnaa Dirree waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’u keessatti humnoota naannolee, Finxaaleyyii Faannoo fi humna addaa Amaaraa, Liyyuu poolisii Somaalee, humna addaa Oromiyaa fi milishaa Oromiyaa, humna Tikaafi waraanaa Eeritiryaa fi Impaayera Itoophiyaa bobbaasuun duula Oromoo cabsuuf weerara seenuu yaadachiisan.
Kun itti fufiinsa weerara Minilik akka ta’etti fudhatama jedhan. Yeroon isaammoo yeroo Oromoon wareegama guguddaa kaffalee qe’ee ofii dhuunfachuuf jiru dha.
WBO’nis karoora diinaa hubatee waldhaansoo godhu Jabeessaa jira kan jedhan Gammachuu Abbooyyee, biyya keessaa fi alaa warra tumsa godhaniif galata qaban ibsaniiru. Tumsa kallattii hundaan gootan cimsaa itti fufaa, Qeerroof qarreen gara WBO kottaa diina Oromoo balleessu nuwaliin qoladhaa jedhan.
Dirree qabsoo dabalataa uumuu, Fira qabsoo horuu, sagalee WBO olkaasuu irrattis hojjechuun nu cina dhaabbadhaa jechuun, Uummata Oromoo biyya keessaa fi ala jiruuf waamicha godhaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings