in

Kaanaadaa bulchiinsa Albartaatti dayaaspooraawwan Oromoo magaalaa Edimentanii fi naannawaa ishee jiraatan yeroo jalqabaatiif Oromiyaa bakka bu’uun Feestivaalii Hambaalee Kanaadaa irratti hirmaatan.

[ad_1]

Kaanaadaa bulchiinsa Albartaatti dayaaspooraawwan Oromoo magaalaa Edimentanii fi naannawaa ishee jiraatan yeroo jalqabaatiif Oromiyaa bakka bu’uun Feestivaalii Hambaalee Kanaadaa irratti hirmaatan.

 

Hawaasni dayaaspooraa Oromoo magaalattii jiraatu feestivaalii biyyoonni 85 caalaan irratti hirmaatan kana irratti aadaa, duudhaa, seenaa fi hambaalee Oromoo agarsiiseeti jira.

Kaanaadaan waltajjiiwwan sabdaneessummaa akkasumas heddummina aadaa fi eenyummaa biyya ishee keessa jiru irratti agarsiiftu keessaa tokko kan ta’e Feestivaalii Hambaawwan Kaanaadaa kana irratti bakka bu’oota UK, Xaaliyaanii, Turkiyyee dabalatee kan biyyoota garaagaraa hirmaataa jiru.

Dhalattoonni Oromoo Edimeentanii fi naannawaa ishee jiraatanis sirboota, uffannaa fi nyaata aadaa godinaalee Oromiyaa garaagaraa, Sirna Gadaa fi seenaawwan Oromoo, Oromiyaan bakka argama bunaa ta’uu ishee dabalatee aadaa, seenaa, duudhaa, eenyummaa fi hambaalee Oromoon qabu wantoota calaqqisiisan waltajjicha irratti dhiheessuun beeksisaa jiru.

Kanaanis daawwattoota feestivaalichaa biraa jajuu guddaa argachuutu himame.

Qindeessitoonni jila Oromoo akka jedhanitti, waltajjii kana irratti hirmaachuuf yeroo dheeraaf gaaffiin dhihaataa ture.

Gaaffichi deebii argatee waltajjii addunyaan irratti mul’atu kana irratti qabeenyi Oromoo mul’achuun fayidaa guddaa akka qabu himaniiru.

Edimeentanitti hawaasni Oromoo wantoota gaafataa ture keessaa adda duree kan ta’an Feestivaalii Hambaalee Kaanaadaa irratti Oromiyaa bakka bu’uun hirmaachuu, bakki dhaabbataan Irreechi itti irreeffatamu heeyyamamuunii fi galmi walgahii uummata Oromoo heeyyamamuun fayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru.

Feestivaaliin hHambaalee Kaanaadaa bara 1973 kabajamuu akka jalqabe ragaaleen ni mul’isu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

TPLF Not Genuine for Peace Talks, Solve Problems of Tigray People: TDP | Satenaw: Ethiopian News

Ethiopia to Grow Its Global Coffee Market share to 1.26 million MT by 2033: Ambassador | Satenaw: Ethiopian News