in

Jiraattonni magaalaa Finfinnee mootummaan nageenyaa fi tasgabbii manneen barnootaa magaalattii akka mirkaneessu gaafatan. – OMN


Jiraattonni magaalaa Finfinnee mootummaan nageenyaa fi tasgabbii manneen barnootaa magaalattii akka mirkaneessu gaafatan.

 

Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee tibbana dhimma alaabaa fi faaruu mootummaa naannoo Oromiyaa manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessatti fannifamuu fi faarfamuun wal qabatee jeequmsaa caasaan Faannoo uuma jiru irratti jiraattoota magaalaa Finfinnee irraa walitti bahan wajjiin mari’atanii jiru.

Qaamonni Itoophiyaa keessatti sagantaa siyaasaa isaanii mirga ummata Oromoo ukkaamsuu irratti baafatan akkuma godinaalee naannoo Amaaraa daangessan irratti weerara bananii ummata fixaa jiran magaalaa Finfinnee keessatti akka faaruun mootummaa naannoo Oromiyaa hin faarfamnee fi barnoonni afaan Oromootiin akka hin kennamne jeequmsaa kaasaa jiraachuu isaanii ragaaleen ni mul’isu.

Hokkora manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti caasaan faannoo uumaa jiruun wal qabatee bakka bu’oonni hawaasaa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee wajjiin mari’atani jiru.

Qooda fudhattoonni marii kana irratti yaada kennaniin qaamonni Alaabaa akka hin fannifamnee fi faaruun mootummaa naannoo Oromiyaa akka hin faarfamne jeequmsa uumaa jiran, finxaaleyyii Amaaraa maqaa sabichaatiin socho’aniidha jedhan.

Qaamonni hokkora kana manneen barnootaa keessatti uumaa jiran wajjiraalee mootummaa osoo hin hafin hanga paartilee mormitootaatti madheefatani jiraachuu eeruu.

“kan biraa namni nuti dhaabbannee fille, yeroo duula filannoo kan duuka dhaabanne, akkamitti barattoota Oromoo soortan? Baajanni keenya garasitti qisaasa’e, yeroo biyyota alaa irraa dhufee kan biraa nu sooru ummata bakka bu’uun paarlaamaa keessa taa’ee kana kan dubbatu dhagahuun na qaanfachiisa”

Magaalaa Finfinnee keessatti jibiinsa Oromoo irratti xiyyeeefate adeemsifamuu irrattis xiyyeefannaan akka kennamu gaafatamee jira.

Ijaarsa biyyaa keessatti Oromoon shora olaanaa taphatee jiraachuu qooda fudhattoonni eeranii, har’a yeroo alaabaan Oromiyaa fi faaruun Oromiyaa Finfinnee keessatti fannifamuu fi faarfamu biyyi diigamte jedhanii jibba Oromoof qaban calanqisiisu jedhan.

Oromoon ijaarsa biyyaa keessatti qooda hin qabu?, Suusiniyoos Oromoo miti?, Haylasillaaseen Oromoo miti?, jeneraalonni gurguddoon Oromoo miti? Biyya kana sirriitti qoratani kan ijaaran Oromoo miti? Har’a eessaa dhufe kan yeroo alaabaan fannifamuu fi faaruun faarfamu biyya diigdan jedhame kan nutti sirbamuuf?”

Finfinneen lafa Oromoo irratti hundaa’uu darbees qotee bulaa Oromoo buqqiftee babal’atte kan jedhan bakka bu’oonni hawaasaa marii kana irratti argaman, yeroo lafa Oromoo fudhachuu Itoophiyaa jedhamnee, yeroo faaruu fi afaan Oromoo farra Itoophiyaa jechuun jibbi gareen finxaaleyyii Amaaraa uummata Oromoo irratti adeemsisaa jiran fudhatama hin qabu jedhan.

Finfinneen yeroo bal’attu qotee bulaa Oromoo buqqisaa bal’atte, yeroo lafaa Itoophiyaa jedhamnee, yeroo faaruu fi afaaniif maalif Itoophiyaa jedhamuu hanqanne?”

Gartuun finxaalessummaa Itoophiyaa jalatti dhokatan Itoophiyaa jechuun saba tokko, afaan tokko jedhani kan nutti himuu barbaadan jiru, garuu Itoophiyaa jechuun saboota, sablammootaa fi ummattoota akkasuma afaanota 80 ol kan qabduudha jechuun dubbatani jiru.

Daa’immaan keenna afaan Oromootiin barachuun faaydaa guddaa qaba kan jedhan bakka bu’oonni hawaasaa, qaamoota mirga daa’immanii ukkaamsaa fi dhagaa mana barnootaatti darbatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu dhaamani jiru.

Namoota hokkora manneen barnootaa keessatti kaasan qaama duuba taa’ee ergutu jira. Kanaaf qaama ergama kana barattootaatti kennee jeequmsa kaasu kana barbaaduu qabnaan dhaamsa qooda fudhattootaati.

Komiishinarri komishiinii poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw qaamonni manneen barnootaa keessatti hokkora kaasaa jiran ajandaa siyaasaa isaa galmaan gahuuf kana hojjataa jiru jedhan.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gaafiin afaan haadhaatiin barachuu gaafii ummata Oromoo ta’uu eeruun, gaafii kana deebisuuf hojjatamaa jirachuu eeran.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

WORKERS & PARASITES – Capital Newspaper

News: Lawmakers from Oromia region request Tigray peace deal redo between govt, OLA armed group