in

Jiraattonni Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu humnoonni nageenya mootummaa aanaa gadhiisanii ba’aa waan jiraniif sodaa keessa jirraa jedhu.


Jiraattonni Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu humnoonni nageenya mootummaa aanaa gadhiisanii ba’aa waan jiraniif sodaa keessa jirraa jedhu.

 

Beelladootaafi bushaa’ee dabalatee qabeenyi hawaasa konkolaataatti fe’amee saamame, laga Abbayyaa ceesifamuun gara naannoo Amaaraatti fudhatamaa jiraatus, humnoonni mootummaa qabeenya kana deebisisuuf yaalii taasisanillee hin qaban jedhu.

Gandoota baadiyyaa muraasa hawaasni itti deebi’ee jiraachuu egalee ture keessattis buqqaatiifi haleellaan bifa haaraatiin eegaleera jedhu jiraattonni.

Haleellaa guyyoota muraasa dura hidhattooti faannoo daangaa ce’uun aanaa Kiiramuutti raawwataniin, lubbuun namoota nagaa hedduufi humnoota mootummaa darbuu akkasumas qabeenyi hawaasaa barbadaa’uufi saamamuu hordofuun, humni dabalataa aanicha seenee akka ture himu jiraattonni.

Eega humni mootummaa seenee as hidhattootni faannoo magaalaa Kiiramuu gadhiisanii akka ba’anii turan himu. 

Kun ta’us garuu humni faannoofi miliishotni naannoo Amaaraa ammas marsaa itti aanuuf of qopheessuun, humna guddaa naannoo isaaniirraa seensisanii qophii haleellaa guddaa eegalaa jirachuu qabatamaatiin argaa jirra jedhu jiraataan aanaa Kiiramuu OMN dubbise. 

Taateewwan qophii jaraa mul’isanis, gandoota nagaan bu’eera jedhamuun jiraattotni itti deebifaman muraasarratti ammas haleellaan raawwachuufi ajjechaan illee itti fufuusaati jedhu.

Haa ta’uu malee bulchiinsi aanaa Amuruu maqaa jaarsummaa jedhuun, humnoota poolisii naannicharra buufatanii turan akka ba’aan taasisaa jiraachuunsaa, sodaa caaluuf jiraattota saaxilee jira jechuun OMN-tti himan. 

Yeroo ammaa kanas bulchiinsi aanaa Kiiramuu qabata nagaan bu’eera waan ta’eef, humni nageenya yoo magaalaa gadhiisee deeme rakkoo hin qabu jedhuun, poolisiin humna addaa aanicha gad dhiisee akka ba’u taasisaa jira kan jedhan jiraattonni, nageenya keenyaaf sodaa guddaa qabna jedhaniiru.

Humnoonni Faannoo daangaa ce’uun Oromiyaarratti lola banu kun, qabeenya hawaasaa yeroo saamu daangaa dabarsuun gara naannoo isaatti fe’ataa jira jedhu jiraattonni.

Bulchiinsi aanaaa ta’e humnoonni mootummaa naannicha jiran, qabeenya saamame deebisisuuf homaa yaalii godhan hin qabanis jedhu. 

Hawaasni ammas taanaan kan durii caalmaatti sodaa keessatti kufee jira kan jedhan maddeen, qaamni nageenyaa yoo magaalaa gad dhiisee kan ba’u ta’e balaa caaluuf saaxilamuu mallas jedhaniiru.

Humnoonni Faannoo daangaa qaxxaamuranii duula qinda’aa geggeessaa jiran kun, deggersa loojistikii guddaa qabaachuufi kaayyoon isaan lolaniifillee ifa galeessa ta’uu kan agarsiisu mallattoolee hedduutu jira jedhu jiraataan magaalaa Kiiramuu OMN dubbise kun.

Alaabaa lummuxxii qabatanii kan socho’aniifi, uffata reenjerii poolisii humna addaa naannoo Amaara kanneen uffatanillee keessa akka jiran jiraataan kun himeera.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e, qaamoleen Oromoofi Oromiyaaf qabsa’aan hunduu duula qinda’aa baballifannaa lafaa giddu galeeffachuun, ilmaan Oromoo duguugaa jiru kana dhaabsisuuf gahee isaanii akka bahuu qaban jiraattonni himaniiru.

Dhimma kana irratti bulchaa aanaa Kiiramuu dubbisuuf irra deddeebiin yaaliin taasifne hin mikkoofne.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Hiriironni mormii haleellaa xiyyaaraa fi ajjeechawwan humnoonni lafoo mootummaa Oromiyaa keesasatti namoota nagaa irratti raawwataa jiran balaaleffatu biyyoota garaagaraatti adeemsifamuuf jedha.

Ethiopian Airlines to Double Its Fleet By 2035 –