in

Jimaan jireenya qotee bulaa baha Oromiyaa waan ta’eef giddu-lixiinsi mootummaa dhaabbachuu qaba jedhan jiraattoonni Baha Oromiyaa. – OMN


Jimaan jireenya qotee bulaa baha Oromiyaa waan ta’eef giddu-lixiinsi mootummaa dhaabbachuu qaba jedhan jiraattoonni Baha Oromiyaa.

Giddu-lixiinsi mootummaan gabaa jimaa irratti taasise, maatii jireenyi isaa jimaa irratti hundaa’eef madda rakkoo ta’uu qofa osoo hin taane hiyyummaaf saaxilaa jiraachuu ibsan.

Jimaan Oromiyaa oomishoota galii sharafa alaa guddaa biyyaaf galchan keessaa sadarkaa lammaffaa irratti ramadama. 

Haa tahuu malee oomisha sadarkaa biyyaatti galii guddaa argamsiisu kana qotee bulaan Oromoo kan dafqa isaa akka galaanaa dhangalaase oomishu irraa fayyadamaa hin tane.

Waggoota dheeraaf oomisha jimaa irraa fayyadamaa kan ture qondaalota mootummaa ADWUI ture kan jedhan jiraattoonni, erga sirni sun qabsoo ummataatiin kufee boodas giddu-lixiinsa gabaa jimaa irratti mootummaan taasise rakkoo caaluuf nu saaxilee jira jedhan.

“Nuti jimaa omishuuf dafqinee, butannee, caccabnee bu’aa dadhabbii keenyaa osoo hin argatin hafaa jirra” jechuun kan komatan jiraattoonni, mootummaan labsii baaseen ummata fayyadamaa taasisuuf hojjadha jedhus wanti qabatamaan gabaa jimaa irratti hojjatamaa jiru namoota mootummaaf amanamoo ta’an fayyadamaa taasisuu qofa jechuun dubbatu.

Jimaan qabeenya Oromiyaa, humni isa oomishee dhiheessuus Oromoo tahee osoo jiruu, kan duroomaa jiru qotee bulaa Oromoo osoo hin taane, kanneen Oromoo akka hin kaanetti cabsuu barbaadaniidha jechuunis himu.

Jiraataan omisha jimaa irratti bobba’e tokko akka jedhutti rakkoon gabaa jimaatiin wal qabate akka sirraa’uuf irra deddeebiin mootummatti iyyatanis furmaanni laatame hin jiru.

Sababa kanaan ammoo hiyyummaa keessatti kufaa jiraachuu hima.

Maddi galii jiruu fi jireenyaa jimaa kana irraa ta’uu kan eeruu qotee bulaan kun, mootummaan qonnaan bultoota osoo hin taanee abbootii qabeenyaa isaaf amanamoo ta’an fayyadamaa taasisaa jira jechuun komata.

Qotee bulaan biraa galii jimaa irraa argataniin miseensa maatii 11 bulchan akka jedhanitti “jireenyi keenya, nyaanni, uffanni, kafaltiin mana yaalaa fi kanneen biroo hundi jimaa irratti hundaa’a” jedhan.

Osoo mootummaan giddu-lixiinsa gabaa jimaa irratti hin taasisin waan jiruu fi jireenya keenyaaf barbaachisu hunda guuttannee jiraanna kan jedhan qotee bulaan kun amma garuu osoo dhibamnee waan itti waldhaanamnu hin qabnu jedhan.

Mootummaan gabaa jimaa keessa harka naqachuun daldaaltota Oromoo hedduu gabaa keessaa baasuu bira darbee kootaa jimaa biyya alaatti ergu gadi xiqqeessuun akka jimaan qotee bulaa rakasu taasise jedhamuun komatama.

Daldaaltoonni baay’een dhiibbaa mootummaan taasiseen gabaa keessaa baafamuun qotee bultoonni dirqamani namoota mootummaa bakka bu’anii gabaa keessatti hafanitti akka gurguran taasisee jira kan jedhan jiraattoonni Oromiyaa bahaa, kun ammoo gatii gadi bu’aan akka gurguraan taasisee jedha.

Sababa kanaan qotee bulaan oomisha itti dadhabe gatii fooyyee qabuun gurgurachuu hanqatee rakkataa jira jechuun dubbatu.

Mootummaan labsii baaseen qotee bultoota fayyadamaa taasisa jedhus kan raawwatamaa jiru faallaa sanii ta’uu eeruun, mootummaan harka isaa gabaa jimaa keessaa akka fudhatu gaafanna jedhani jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

DPM, FM Demeke Mekonnen Confers with CIDCA Chairman –

IBSA EJJENNOO  BAKKA BUUTOTA KIRISTAANOTA GODINA BUUNNOO BEDDELLEE – OMN