in

Jiillee Dhummuugaatti yaaliin haleellaa marsaa 2ffaa shororkeessitoota Faannootiin eda galgala taasifamee ture birmannaa qonnaan bultoota Oromootiin fashalaa’uu jiraattonni himan.

[ad_1]

Jiillee Dhummuugaatti yaaliin haleellaa marsaa 2ffaa shororkeessitoota Faannootiin eda galgala taasifamee ture birmannaa qonnaan bultoota Oromootiin fashalaa’uu jiraattonni himan.

 

Jiraattonni ammallee sodaa nageenyaa guddaa akka qaban himaniiti jiru.

Godina Addaa Saba Oromoo Wallootti jiraattonni aanaa Jiillee Dhummuugaa OMNf yaada kennan, aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Baxxee araddaa Gooroo jedhamurraan kaleessa waaree booda toora sa’a 11-tti humnoonni shororkeessitoota Faannoo humna haaraafi meeshaa gurguddaan dhukaasa bananii ganda Baxxee qabatanii turan.

Birmannaa hawaasa bal’aa aanotaa fi gandoota dhihoorraa taasifameenis, qonnaan bultoonni Walloo battala qaqqabuun humna shororkeessitoota Faannoo fi miliishaa Amaaraa ganda isaan qabatan keessaa baasuu jiraattonni himaniiru.

Shororkeessitootni Faannoo fi miliishaan Amaaraa aduu dhiitu ilaallachuun toora sa’a 11 keessa dhukaasa bananii jedhu jiraataan gandicharraa dubbisne.

Gandi Baxxee Wiixata darbe bakka haleellaan humnoota kanaan itti raawwatame waan tureef jiraattonni yeroo sana achi turan kaan rukutamanii waldhaansarra, kaan ammoo namoota lubbuun darbaniif taaziyaarra waan jiraniif, humnoonni shororkeessitootaa kun carraa kanatti fayyadamuuf garasirraan haleellaa akka eegalantu himama.

Humni shororkeessitoota Faannoo fi miliishaa Amaaraa kun konkolaataa torbaa oliin bakkicha buufachuufi meeshaa lolaa ammayyaa ta’ee dhukaasaa turuu isaanii jiraattotati nutti hime.

Haa ta’u malee dhukaasni banamuu akkuma dhaga’ameen, jiraattonni gandoota kan biroo hanga halkan keessaa sa’a 5 ta’utti birmannaa taasisuun gandicha keessaa humna miliishaa Amaaraa baasuu danda’aniiru.

Haleellaan irra deddeebiin isaan rratti raawwatamu kun lola sanyii duguuggaa Walloo keessaa Oromummaa buqqisuuf taasifamaa jiru ta’uu kan himan maanguddoon Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaa, sababa maal balleessineef dhimmi kun akka nutti deddeebi’aa jiru nuuf galuu hin dandeenye jedhu.

Hanga yoonaatti qonnaan bultoonni Oromoo birmannaa godhan ganduma sana keessa buufatanii jiraachuu himuudhaan, humni shororkeessitoota Faannoofi hidhattoonni Amaaraas mishigii keessa jiraachuu dubbatu.

Deggersi uummata Oromoo akka isaan barbaachisu kan himan maddeen keenya garasirraa dubbisne, aanicha keessatti daa’immaniifi dubartoonni yeroo ammaa kana rakkoo keessa jiraachuu dubbataniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

“Terrorism has no nationality, ethnicity nor religion. FETO threatens humanity as a whole”

Former Ethiopian President to Lead IGAD’s Observer Mission for Upcoming Kenyan Election | Satenaw: Ethiopian News