[ad_1]
Itti aanaan ajajaa Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii giddu-gala kaabaa fi kaaba-lixa Shaggar Booree Lammii marii WBO fi mootummaa jiddutti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti adeemsifame booda waraanni Oromiyaa keessaa hammaatee jira jedhan.
Qondaalli Waraana Bilisummaa Oromoo Booree Lammii turtii OMN wajjiin taasisaniin, marii marsaa jalqabaa booda mootummaan duula waraanaa hamaa Waraana Bilisummaa Oromoo irratti banuun yaalii waraanicha bittineessuu taasisaa jira jedhan.
Haa ta’u malee Waraanni Bilisummaa Oromoo duulicha qolachuun injifannoo waraanaa loltoota mootummaa irratti goonfataa jiraachuu himani jiru.
Waraanni Oromiyaa keessa karaa nagayaa akka xumuramuuf mariin marsaa jalqabaa Ebla 25 bara 2023 hamma Caamsaa 3 bara 2023tti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti adeemsifame ture.
Xumura marii kanaa irratti qaamoleen lamaan dhimmoota tokko tokko irratti walii galuu baatanis, wal hubannoo irra akka gahanii fi waraanicha mariin nagaatiin xumuruuf waliigaluu isaanii ibsa gama lamaaniin baasaniin addeessuun isaani yaadatama.
Haa ta’u Caamsaa 7 bara 2023 irraa jalqabuun duulli waraanaa hamaan Kutaalee Oromiyaa kanneen akka Walagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Boorana, Gujii, Harargee fi Arsii keessatti adeemsifamaa jira.
Marii marsaa jalqabaa booda haala jiru irratti gaafii fi deebii OMN wajjiin kan taasisan Itti aanaan ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii giddu-gala kaabaa fi kaaba-lixa Shaggar Booree Lammii “mootummaan waraana hamaa WBO irratti banuun lolaa jira jedhan.
Kaayuoon duula waraanaa mootummaan taasisaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo bittineessuudha kan jedhan qondaalli olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Booree Lammii, Waraanni Bilisummaa Oromoo ummata isaa keessa jira waan ta’eef bittinnaa’uu hin danda’u jedhan.
Itti aanaan ajajaa WBO zoonii gidd-gala Kaabaa fi Kaaba-lixa Shaggar Booree Lammii, Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana irratti baname of irraa qolachuu bira darbee, deebisee weeraruun injifannoo jajjaba loltoota mootummaa Itoophiyaa irratti argataa jira jechuun OMNtti himan.
Waraanni mootummaa meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka Mortara, Zuu, Isnaayparii, Bireenii, Qawwee Turkii fi kanneen birootiin lolaa kan ture ta’u kan ibsan Booree Lammii, bakkeewwan lolli kun itti adeemsifame hundatti WBOn injifannoo argachuun meeshaalee kana loltoota mootummaa irraa booji’uu himani jiru.
Loltoonni mootummaa danuun waraana adeemsifamee ajjeefamuu kan himu qondaalli Waraanaa ABO-WBO Booree Lammii, loltoonni kumootaan lakkaa’aman ammoo dirree waraanaa garagaraatti booji’amuun harka Waraana Bilisummaa Oromoo jiru jedhan.
Loltoonni Mootummaa hedduun osoo sabaan wal hin qoodiin fedhii isaaniitiin hidhannoo guutuu wajjiin Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennataa jiraachuus himan jiru.
Rakkoo ummanni Oromoo keessa jirutti xumura godhuuf waamicha marii taasifame simannee marii jalqabaa irratti hirmaanne kan jedhan Booree Lammii, mootummaan garuu rakkoo ummataa caalaa aangoo isaa tikfachuuf waarana nurratti banee jedhan.
Gama waraana mootummaatiin guyyaa guyyaan qondaalota waraanaa dabalatee loltoonni mootummaa fedha isaaniitiin hidhannoo guutuu wajjiin mooraa Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuun kan eeran qondaalli Waraana WBO, miirri abdii kutannaa loltoota mootummaa bira akka jiruu fi lola kana dirqisiifamanii akka lolaa jiran dubbatu.
Waraana Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru karaa mariitiin xumura itti gochuuf balballi ABO-WBO yeroo hundaa banaa ta’u ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa dabalatee qondaalonni waraanichaa yeroo garagaraatti ibsaa jiru.
Ummanni Oromoo bal’aan nagaa fi tasgabbii waggoota 5 oliif dhabe deebisee argachuuf waraanichi dhaabbatee mariin araaraa akka taa’amuuf waamicha taasisaa jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings