in

Itoophiyaatti ammalee lammiileen miliyoona 20 sababa hongee fi wal waraansaa gargaarsa namoomaa barbaadu jedhame. – OMN

[ad_1]

Itoophiyaatti ammalee lammiileen miliyoona 20 sababa hongee fi wal waraansaa gargaarsa namoomaa barbaadu jedhame.  

 

Naaannolee Oromiyaa fi Beenishaangul gumuz keessatti sababa rakkoo nageenyaa fi lakkoofsi dhaabbilee gargaarsaa xinnaa ta’eef gargaarsi namoomaa barbaadamu uummata dhaqqabaa hin jiru jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan gargaarsa namoomaa UNOCHA’n.

Kaaba biyyattiitti gargaarsi namoomaa erga waraanni dhaabbatee as fooyya’iinsa agarsiisaa dhufuu himee jira Jaarmiyaan kun. 

Keessummaa naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti bara kana  gargaarsi namoomaa si’atee akka jiru kaasa. 

Kuma dhibbaan kan lakkaawaman qe’ee isaanitti deebi’anii jiru.Miliyoonotaaf gargaarsi dhiyaataa jira. Naannawa daangaa Tigraayitti gargaarsa qaqqabsiisuun ammallee qormaata jedha.

Kibbaa fi Kibba Baha biyyattiitti hongeen hammaatee itti fufee jira.  Waqtii roobaa shanaffaaf  naannawa kanatti roobni akka hin jiraanne raagamee jira. Kanaaf Gargaarsi namoomaa hatattamaa 2023 keessas ni barbaachisa.  Kaaba Lixaa, Lixaa fi Giddugaleessa biyyattiitti waqtii rooba gannaatti lolaan mudates namoonni akka gargaarsa eeggatan diriqisiisuu UNOCHA’n himeera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Ethiopian mechanical engineer shortlisted for UK Royal Academy of Engineering 2023 prestigious Africa Prize

News: Tigray forces commander says disarmament linked to Eritrean, Amhara forces withdrawal as US calls for peace agreement immediate implementation