in

Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti muddamni uumamuun dhagahame. – OMN


Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti muddamni uumamuun dhagahame.

 

Sudaan ambaasaaddara Itoophiyaa Kaartuum jiruu fi kan ishii kan Finfinnee jiru gaaffiif waamuu beeksifte.

Sudaan ambaasaaddaroota kanneen kan waamte himannaa loltoonni koo torba humna waraanaa Itoophiyaatiin na jalaa ajjeefamaniiru jettu hordofteeti.

Wal-dhibdeen lafa qonnaa al-Fashagaa dabalatee sababoota adda addaan walitti gaarreffannaan biyyoota lamaanii hammaateera jedhame.

Itoophiyaa fi Sudaan jidduutti wal-dhibdee daangaa ilaalchisee walitti gaarreffannaan uumamee jiraachuu gabaasaaleen miidiyaalee idil addunyaa ni mul’isu.

Sudaan loltoota booji’amanii turan torbaa fi nama nagaa tokko na jalaa ajjeeste jechuun Itoophiyaa kan himatte.

Humni waraanaa Sudaan Dilbata darbe akka jedhetti, loltoonni ajjeefaman booji’amtoota turan garuu ajjeefamanii reeffi isaanii akka ummanni argu taasifame.

Humni waraanaa Sudaan kun ajjeechaa loltoota isaa kanaaf deebiin malu akka jiraatu dubbatus tarkaanfii akkamii akka fudhachuuf jiru garuu hin ibsine. 

Garuu gocha kanaaf deebii ni laanna jechuun dhaadateera.

Sudaan dhimma kana waliin walqabatee ambaasaaddara Itoophiyaa Kaartuum jiruu fi kan ishii kan Finfinnee jiru gaaffiif waamuu beeksiftee jirti.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa, humni idilee Sudaan TPLF’n deeggaramu daangaa cabsanii erga seenanii booda ajjjeechaan kun raawwatamuu hime.

Taateen kun walitti bu’insa loltoota Sudaanii fi milishoota naannawaa sanaatiin akka ta’e himuun, qorannoon isaa akka geggaaffamu ibseera Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa.

Wal-dhibdeen lafa qonnaa al-Fashagaa daangaa biyyoota lamaanii irratti argamuu erga waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalatee hammaateera.

Alfashagaan lafa qonnaaf mijataa naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti argamu.

Lafti kun lafa oomishaaf mijataa iskiweer kiilomeetirii 250 kan bal’atuu fi heektaara 240 kan ta’uudha jedhama.

Torbee darbe daangaa biyyoota lamaanii gama Lixa Gondar magaalaa Matammaatiin walitti bu’iinsi akka ture gabaasaaleen bahaa turan addeessaniiru.

Ganda magaalaa Matammaa jala jirtu Shimat Magaaduuqaa jedhamtu keessatti haleellaa humnooti Sudaan raawwataniin hojiin qonnaa qonnaan bultoota naannichaa gufachuunis gabaafameera.

Waggaa tokko keessatti abbootiin qabeenyaa 246 ta’an sababa walitti bu’iinsa kanaatiin hojii qonnaa dhaabaniiru jedhameera.

Rakkoo jiru mariin hiikuufis haaldureen jalqabaa mootummaan Itoophiyaa kaa’e humnoonni Sudaan lafa qabatan gadhiisuu qabu kan jedhuudha.

Sudaan gama ishiitin lafa erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee qabatte gadhiisuuf fedha akka hin qabne garuu ammoo Itoophiyaa waliin waraanatti galuufis fedhiin akka hin jirre ibsaa turte.

Sudaan Alfashaagaa irraa lafa taakkuu tokko akka hin kennine hooggansi waraanaa biyyattii Haayider Altariif jedhaman dubbatanii turan.

Sochiin waraana haaraa leenjisuus adeemaa akka ture miidiyaaleen biyyattii gabaasanii turan. 

Itiyoophiyaa fi Sudaan giddutti dubbii lafa Al-fashaagaa malee dhimma hidha haaromsaa ilaalchisuunis walitti gaarreffannaa hamaatu jira jedhameera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Green Legacy Initiative Beneficial to Lower Riparian Countries | Satenaw: Ethiopian News

HoF Discusses Strategic Document on Conflict Transformation, Sustainable Peace Building | Satenaw: Ethiopian News