[ad_1]
Irreechi Oromoo Ayyaana waldhaansoo guddaa Oromoon dhaloota hedduu itti wareeguu fi aarsaa garaagaraa itti kaffaluun as gahe, calaqqee eenyummaa fi tokkummaa Oromooti jedha Barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa.
Barsiisaa Tokkummaan nama gaafa qabsoo diddaa qeerroo Oromoo barataa ture yoo ta’u har’a barsiisaa dha.
Dhumaatii Irreechaa Hora-Arsadii bara 2016 irraa kan hafe namni kun warra Irreecharratti wareegame san gidduudhaa bakka kufee miidhametti mallattoo diddaa agarsiisaa turuudhaan yaadatama.
Barsiisaa Tokkummaan mallattoo gootummaa fi cichoomina qabsoo Oromoo keessaa tokko jechuun yaadatu namoonni.
Tokkummaa Tarreessaa jedhama. Qeerroo fi barataa kaleessaa Barsiisaa har’aati. Dhalootaan Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaan naannawa Odaa Bisili.
Tokkummaan kan yaadatamu suura Irreechaa kanaani. Irreecha 2016. Irreecha seena qabeessa. Irreecha diddaa Oromoo galaana fakkaatuun yaadatamu. Irreecha Oromoon qeerroowwan qarreewwan fi haawwanii fi manguddoota dhibbaan lakkaawaman itti dhabe. Godaannisa dhalootaa.
Yeroon isaa yeroo fiixee Oromiyaa hundaa mormiin uummataa mootummaa wayyaanee fi OPDO yeroo sanii irratti daran hammaate ture. Irreechi 2016 immoo fiixee mormii Oromiyaa ture.
Qeerroo Tokkummaa fi waahillan isaas gaaf Irreecha sanaa subii Gurmuudhaan Buraayyuu ka’anii gara Hora Arsadeetti yaa’an. Imala isaaniirratti dhaadannoowwan fi mallattoo diddaa qeerroo yeroo sanaa dhageessisaa agarsiisaa akka turan yaadata Tokkummaan. Hora Arsadeettis akka Irreeffataniin waltajjiin jalqabaa hanga dhumaa mormii fi mallattoo diddaan dhuunfatamee ture.
Kana hordofee waraanni mootummaan bobbaase dhukaasa banuun uummata bittinsuuf wayita yaalutti Tokkummaan faan hallayyaa dhumaatii Irreechaaf sababa ta’e san keessatti of argan. Irreechawwan armaan duraa baay’ee hirmaachuu kan yaadachiisu Tokkummaan dur lafti hallayyaa sun waraanan eegamaa turuu himee Irreecha 2016 irratti garuu humnoonni mootummaa achi hin turre jedha. Kun dhumaatiin Irreechaa 2016 karoora mootummaa wayyaanee ta’uu agarsiisa jedha.
Hallayyaa dhumaatii san keessatti namoota wareegaman walakkaadhaa namoonni yoo isa baasan ani of hin beeku kan jedhu hambaan dhumaatii Irreechaa Qeerroo Tokkummaan jidduudhaan yeroon of barettin mallattoo diddaa agarsiisaa turuu koo malee taatee biraa hin yaadadhu jedha.
Battala Mallattoo diddaa agarsiisaa ture sanatti miira itti dhagahamu kan nuu qoode Barsiisaan Tokkummaan miirri koo gammachuu olaanaan guutamee ture jedha. Oromoon miidhagee, eenyummaa fi tokkummaan isaa bifa sanaan mul’isuun anaaf miira addaatiinin yaadadha jedha. Guyyaan kun guyyaa Gootota Oromoo Shiniggaa kan Ebla 15’iis natti fakkaata jedha.
Achirraa gara hospitaala fudhatamuun guyyoota lama booda damdamatee bahe. Hospitaala keessatti namoota biratti wareegaman gadda guddaadhaan yaadata.
Irreechi Oromoo Ayyaana waldhaansoo guddaa Oromoon dhaloota hedduu itti wareeguu fi aarsaa garaagaraa itti kaffaluun as gahe, calaqqee eenyummaa fi tokkummaa Oromoo ti, jedha Barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa.
Dhaloota xombora eenyummaa kana wal harkaa fuudhuun asiin gaheef galatasara galcha. Tokkummaan gaaf dhumaatii san barataa waggaa 3ffaa Yunivarsiisiitii Finfinnee ture. Har’a Barsiisaa dha.
Barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa mallattoo gootummaa fi cichoominaa qabsoo Oromoo jechuun leellisu baay’een.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings