[ad_1]
Intalti Artistii jaalatamaa fi qabsaayaa goota Oromoo kan ta’e Usmaayyoo Muussaa Saartuu Usmaayyoo humnoota tikaa mootummaatiin ukkaamfamuun himame.
Akka waahillan ishii OMN’tti himanitti, artist Saartuu Usmaayyoo Muussaa kaleessa magaalaa Finfinnee mana yaalaa Abeet jedhamurraa nama dhukkubsatu gaafattee osoo deemtuu namoota uffata siviilii uffatan lamaan butamte.
Yeroo ammaa Saartuun mana hidhaa kamitti akka hidhamte hin beekkamuu kan jedhan waahillan ishii, kanaan dura namoonni bifa kanaan qabaman jalqaba mana hidhaa naannawaa Meksikoo jirutti geeffamaa waan turaniif achi dhaqanii ilaallaanillee argachuu akka hin dandeenye himaniiru.
Artist Saartuun sirboota qabsoo abbaa ishiitiin sirbaman haaroomsitee kilippiifi sagaleedhaan irratti hojjattee ummata Oromoo yaadachiisuudhaan beekkamti.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings