in

Imalli Irreechaa magaalaa Naayiroobii irraa Fulbaana 25 eegaluun Fulbaana 30 Finfinneetti xumuramu qophaawaa jiraachuu himame. – OMN


Imalli Irreechaa magaalaa Naayiroobii irraa Fulbaana 25  eegaluun  Fulbaana  30 Finfinneetti xumuramu qophaawaa jiraachuu himame.

 

Imala Irreechaa (Irreechaa Caravan) jedhamu kanarratti manguddoonni, artistonni, namoonni bebbeekamoo fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa  walumatti 200 caalan akka hirmaachuuf jiran qindeessitoonni himanii jiru.

Jilli Imala Irreechaa kun Irreecha Hora Finfinnee fi kan Bishooftuu Arsadii irratti hirmaata. 

Imalli akaakuu isaatiin kan jalqabaa ta’e kun hariiroo Oromoo biyyoota lamaan keessaa jiruu jabeessuu akkanumas hariiroo uummata Keeniyaa fi Itoophiyaa jabeessuufillee akeeka akka qabu qindeessitoonni himan.

Kaayyoon isaa ayyaana Irreechaa lammiileen Keeniyaa fi Oromiyaan ala jiran akka baran, hariiroo obbolummaa Oromoo Keeniyaa keessaa fi Oromiyaa keessaa cimsuu dabrees hariiroo uummatoota biyyoota lamaanii cimsuu dha jedha qindeessitoota Karaavaanii Irreechaa keessaa tokko kan ta’e Gaazexeessaan lammii Keeniyaa Yaasin Jumaa.

Uummanni biyyoota lamaanii hanga ollummaa isaa waayee walii sirriitti hin beeku kan jedhu Gaazexeessaa Yaasin Jumaa hawaasni biyyoota lamaanii walitti dhufuun karaa aadaa, diinagdee, siyaasaa hariiroo isaa cimsachuu qaba jedha.

Karavaanii Irreechaa Naayiroobii ka’ee kutaalee keeniyaa fi Oromiyaa tokko tokkotti dhaabbachuun hawaasa waliin ni mari’ata. Waayee Irreechaas barsiisaa deema.

Kutaalee Keeniyaa keessaa Isoolloo, Marsabeet, Moyaalee kan dhaabbatee hawaasa dubbisu yoo ta’u, Oromiyaa keessatti akka daangaa Keeniyaa qaxxaamureen Moyaalee Oromiyaa, Yaabelloo, Shaashamanneetti aaragalfatee hawaasa dubbisuun Fulbaana 30 Finfinnee gaha.

Imalli Irreechaa (Irreechaa Caravan) kan bifa isaatiin adda ta’e kun Kaampaanii beeksisaa Oaknet Advertisement kan bu’uurri isaa Finfinnee fi Naayiroobii ta’een qindaawaa jira.

Qindeessitoonni Jila kanaas lammiilee Itoophiyaa fi Keeniyaati. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Rally Denouncing T-TPLF, Improper Western Pressure Held in Washington D.C. –

The Day the Process of Globalization Begins | Satenaw: Ethiopian News