Imalli Galatoomaa qondaalota olaanoo KFO Jarmanitti imaluun jalqabe itti fufeeti jira.
Jarmanitti aansee Neezarlaandis magaalaa Amistardaamii fi Faransaay Magaalaa Paarisitti Jawar Mohaammad hawaasa waliin maryatee jira.
Imalli kun itti fufuun Swiidin Istookhoolm, Noorweey Osloo fi UK magaalaa Maancheestaritti uummata waliin maryachuuf saganteeffameeti jira.
Boru Swiidin Istookhoolmitti Jawar Mohaammad hawaasa naannicha jiraatu waliin ni maryata jedhameeti jira.
Itti aansuunis gara Ameerikaa Kaabaatti cehuun magaalota hedduun keessatti hawaasa waliin ni maryatu jedhameera.
Waltajjiiwwan marii Imala Galatoomaa kun haala siyaasaa biyyattii fi kallattii gara fuula duraa irratti kan xiyyeeffate akka ta’e ibsameeti jira.
Kana malees obbo Jawar Mohaammad fi obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaa keessa yeroo turanitti aantummaa uummanni mul’iseef ni galateeffatu jedhameeti jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings