Imaammanni barnootaa haaraan mootummaan baase adeemsa sirna moofaa durii kan leellisu akka ta’e barsiisonni himan.
Barsiisonni naannoo Oromiyaa irraa yaada isaanii OMNf qoodan, adeemsi mul’ataa jiru afaan Oromoo afaan federaalaa gochuu otoo hin taane dhaloota afaan Amaaraa barsiisuu fakkaataa jedhan.
Naannoo Oromiyaatti barattoonni kutaa 1ffaa irraa jalqabee afaan Amaaraa akka baratan imaammata barnootaa haaraan dirqamni dhufee jiraa jedhan.
Kana faallaa Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkootti magaalaa Finfinneetti barsiisuuf yaada dhihaatee ture mootummaan ofduuba deebisuu maddeen keenya himaniiti jiru.
Naannoo Oromiyaatti barattoonni afaan dhalootaa kan hin taane Afaan Amaaraa dirqamaan akka baratan taasifama, magaalaa Finfinnee teessoo mootummaa naannichaa ta’etti immoo Afaan dhalootaa miti jechuun Afaan Oromoo lagatama jedhu barsiisonni.
Kana malees qabiyyeewwan gosoota barnootaa garaagaraa keessatti hammatamanii dhaloota ittiin bocuuf dhufan wantoota sirna moototaa fi moofaa faarsan akka ta’an himaniiti jiru.
Kitaaba hawaasaa kutaa 8ffaa irratti mootota cunqursitootaa Itoophiyaa bulchaa turan leellisuun seenaan isaanii dhihaate jedhu barsiisonni.
Kana malees kitaaba afaan ingilizii kutaa 4ffaa irratti seenaa Hacaaluu Hundeessaa kana dura boqonnaa 7ffaa irratti barreeffamee bara 2014 barsiifamuu jalqabe ni haqani jedhu.
Kaayyoon imaammata barnootaa ammaa akkuma sirna durii sabootaa fi sablammoota biyyattii eenyummaa fi afaan tokko jalatti walitti qabuuf kan kaayyeffatee jedhu barsiisonni yaada kennan.
GIPHY App Key not set. Please check settings