in

IBSA EJJENNOO  BAKKA BUUTOTA KIRISTAANOTA GODINA BUUNNOO BEDDELLEE – OMN

[ad_1]

IBSA EJJENNOO  BAKKA BUUTOTA KIRISTAANOTA GODINA BUUNNOO BEDDELLEE

                                   

Nuti Kiristaanonni Godina Buunnoo Beddellee Sababa Nama Afaan keenyaa fi Aadaa Keenya beekee nu tajaajilu dhabneef Obboloota Hedduu dhabneerra, Dhabaas Jirra. Kun immoo Amantaan keenyi akka Amantaa saba tokkootti fakkeeffamaa  ture, fakkeeffamaas jira. Kanaafuu, Dhimma tajaajilaa fi Tajaajilummaa ilaalchisee Ibsa Ejjennoo Abbaa Qabxii saddetii akka kana gadiitti baafannee jirra.

1. Tajaajilaa Afaan keenyaa fi Aadaa keenya Beekuun Malee hin Tajaajilamnu.

2. Murtee Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammoota Itiyoophiyaa  Kamiyyuu ni fudhanna.

3. Murtee Sinoodoosiin Itiyoophiyaa Abboota Saba tokkoon haguugameen Murtaa’e Kan Abbootni Keenya Kan Akka Abbaa Saawuroos, Abbaa Ewusxaaxoos(Dr) fi Abbaa Zeenaa Maarqoos Irratti walii hin galle Kamiyyuu  hin fudhannu.

4. Akka Seera mana Amantaatti Muudamni Lammaffaa Waan hin Jirreef Qaama Muudama Abboota irra deebinee muudna jedhan hin fudhannu.

5. Abbaan Nuuf Ramadaman Abbaan keenya Abbaa Alaazaar akka nuuf dhufanii nu eebbisanii fi nu tajaajilan barbaadna. Kanaafuu, mootummaanis Yaada uummataa Fudhatee deeggarsa barbaachisu akka taasisu ni gaafanna.

6. Tajaajila Kamiyyuu Afaan Dhageenyu Afaan Oroomoodhaan  Malee kan hin tajaaajilamne  ta’uu Qaama kamiyyuu hubachiisuu feena.

7. Tokkummmaa mana Amantaaf jecha Waliigaltee  Muummicha Ministeeraa Biratti  Taasifame akka raawwatuuf  Murtee Sinoodoosii Itiyoophiyaa   eegaa turreerra. Garuu, Sinoodoosiin kun Saba tokkoon haguugamee haqa  dhiisee Murtee Shiraan xaxame Waan Murteesseef Murtee Afuura Qulqulluun gaggeeffame jechuu hin dandeenyu. Kanaafuu, Jaalalaa fi Yaada Afuura Qulqulluudhaan Jiraachuu Barbaadna Waan ta’eef Paatiraarikiin Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf sablammoota Itiyoophiyaa akka nuuf Muudamu gaafachuuf ni dirqamna.

8.  Ammaan Booda Kan Bullu Mana Lubummaa oromiyaa ykn Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammoota Itiyoophiyaadhaan Malee Qaama kamiifiyyuu kan hin bulle ta’uu ni mirkaneessina.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Jimaan jireenya qotee bulaa baha Oromiyaa waan ta’eef giddu-lixiinsi mootummaa dhaabbachuu qaba jedhan jiraattoonni Baha Oromiyaa. – OMN

Waraanni Mootummaa uummata nagaa dararuun jabaatee itti fufeera jedhame.  – OMN