in

Humnootiin mootummaa namoota nagaa of fuuldura qabanii WBOn loluu dhaquu jedhame. – OMN

[ad_1]

Humnootiin mootummaa namoota nagaa of fuuldura qabanii WBOn loluu dhaquu jedhame.

 

Godina Horroo Guduruu aanaa Guduruutti humnootiin mootummaa lammiilee nagaa qe’ee  keessaa qabanii booda gara bosonaatti geessuun rashanuu jiraattonni himan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee garaagaraa keessatti uummanni humnoota mootummaa fi finxaaleyyii Amaaraan ajjeefamaa fi buqqaafamaa jiraachuu OMN guyyuu gabaasaa turee jira.

Tibba kana godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Coomman Guduruu, Abaaboo Guduruu fi Guduruutti humnootiin mootummaa opireeshinii farra riphee lolaaf bobba’an jedhame.

Humnootiin kunneen qofaa hin bobbaane. Uummata nagaa meeshaa waraana ofharkaa hin qabne of fuuldura oofamanii WBO adamsinaa jedhanii bosonatti uummata naqan jedhu jiraattonni.

Jiraattonni OMNf yaada isaanii kennan nu dirqisiisanii nuti fuuldura deemna, humnootiin mootummaa hidhatan immoo nu duukaa deemu jedhu.

Akkaataa balaa irra namoota nagaa buusu kanaan humnootiin mootummaa uummata daheeffatanii opireeshinii farra riphee lolaa taasisuuf yaalanii jedhan.

Bosona keessatti sakattaa WBO jedhame kanaan humnootiin mootummaa dararaa cimaa nurraan gahan jechuun komatu jiraattonni.

Qabsaa’onni Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’an gamaa isaaniitiin gochaan mootummaa namoota nagaa daheeffachuu kun yakkaa jedhan.

Humnootiin mootummaa waraana gidduutti namoonni nagaan akka gaaga’aman barbaadu kan jedhu WBOn, kana waan beeknuuf  yeroo isaan uummata of fuuldura qabanii deeman otoo arginuu irraa gorree socho’aa turree jedha.

Kun otoo kanaan jiruu humnootiin mootummaa jiraattota sakattaa WBO irraa hafan rashanaa jiraachuu dhageenye.

Caamsaa 5 bara 2022 jechuunis guyyaa kaleessaa gabaasni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Gudururraa nuuf ergame, humnoonni nageenya mootummaa qonnaan bultoota bakka adda addaatti ajjesaa jiraachuusaanii agarsiisa.

Aanaa Guduruutti humnootiin mootummaa qonnaan bultoota sadii manaa jireenya isaanii keessaa erga qabanii booda gara bosonaatti geessuun rashanuu jiraattonni himan.

Aanaa Guduruu ganda Gammannee Guddannee fi Biiftuun Nuuf-baatee Watiyyee, jedhamu keessatti ajjechaan suukkanneessaa namoota nagaa sadiirratti raawwate, rifaatuu guddaa uumee jira kan jedhu maddeen keenya garasirraa dubbisne, hawwaasni gandoota kanneenii ajjeechaa kana sodaachuudhaan baqachaa jira jedhan. 

Namoonni ajjeefaman kunniin Habtaamuu Saxxanyii qonnaan bulaa, Dargaggoo Mul’ataa Shibbiruu barataa fi namni Misgaanaa jedhamus qonnaan bulaa ta’uu maddeen keenya ni himu. 

Sababni ajjechaa kanaas ‘oppireeshinii WBO qulqulleessuu’ jedhu akka ta’e kan himan maddeen keenya, duula WBO barbaaduu jedhu kana keessatti akka hirmaataniif uummata dirqiin manaa yaafamanii turan waliin warra hirmaachuu dide qofaatti adda baasuun ajjeesaa akka jiran dubbatan.

Bulchiinsi godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu keessatti maqaa WBO qulqulleessuu jedhuun humnootii hidhatan bobbaasee jiraachuu kan himan jiraattonni, aanaalee Guduruu, Abaaboo Guduruu, Coomman Guduruu keessatti, humnoonni mootummaa bakka WBOn jiru nutti himaa jechuun namoota nagaa irratti ajjechaan raawwatan hammaatee jiraachuu OMN odeeffateera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethio Telecom to introduce 5G cellular network | Addis Zeybe

While welcome, Ethiopia’s national dialogue appears compromised