[ad_1]
Humnoonni Tikaa Mootummaa Artistoota Oromoo adamsanii hidhuu fi dararuu itti fufanii jiraachuun dhagahame.
Humnoonni Tikaa mootummaa Sanbata darbe Wellisaa buleessa Bashannanaa Hayiluu Irreecharraa qabuun yeroo amma hidhaatti dararaa jiraachuu isaanii OMN namoota isa waliin qabamanii gadi lakkifaman irraa odeeffateera.
Bashannanaan Sanbata duraa Ganama Irreecha Finfinnee irratti hirmaatee yeroo deebi’u humnoota Tikaa Mootummaa “Dehninnetii” jedhamuun beekamaniin butamuu kan himan maddeen Odeeffannoo OMN, Yeroo ammaa mana hidhaa Finfinnee naannoo Kaazaanchisitti argamu, kan Waajjira Poolisii lakkoofsa 6ffaa jedhamuun beekamutti dararamaa jiraachuu ibsaniiru.
Namoonni isa biraa gadi lakkifaman Poolisoonni to’annoo jala isa oolchan “dhimmi kee jabaadha, siin Dehninnatiitu siqabe, salphaatti gadi si hin lakkifnu” jechuun itti dhaadataa turuu OMNf ibsaniiru.
Wellisaa buleessi Bashannanaa Hayiluu baroota dheeraaf walleewwan qabsoo dabalatee hojiilee dagaagina aartii Oromoof gumaachan hedduu kan hojjete wayita ta’u, guddina aartii Oromoof gumaacha taasiseen cinatti Artistoota angafa ummata isaaniif aartiin sagalee tahuun beekaman keessaati.
Wellisaan kun nama Oromoof gatii guddaa baaseedha, kanaaf ammoo hojiilee isaatu ragaadha kan jedhan maddeen Odeeffannoo OMN, haalli inni amma keessa jiru nu yaaddesseera jedhu.
Mootummaan Biltsiginnaa keessumaa dhiheenya kana Artistoota irratti fuulleffachuun hidhaa, dararaa fi ajjeechaa raawwatu kan itti fufe wayita ta’u, aggaammiin Aartii fi Artistii Oromoo irratti fuulleffate kun yaaddessaa tahuu namoonni dhimmicha irratti yaada kennan ibsaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings