Humnoonni Tigiraayi Naannoo Affaariin guutuutti gadi lakkisanii ba’uu mootummaan Tigiraayi beeksise.
Mootummaan Tigiraayi ibsa baaseen Humni Ittisa Tigiraayi ulaa gargaarsa namoomaa ummaticha irratti cufame bansiisuuf gara Affaar seenee ture guutuutti naannicha gadi lakkisee akka bahu taasifameera.
Gargaarsa namoomaa uummata Tigiraayi irraa dhaabbatee jiruuf bulchiinsi Abiy Ahimad irra deddeebiin akka sababaatti kan dhiyeessaa ture, “humnoonni TPLF naannoo Affaar humnaan qabatanii jiran gadi lakkisanii bahuu waan didaniifi” kan jedhu ture. Ulaa gargaarsa namoomaa banuufis akka haal-dureetti kan inni gaafate Humnoonni Tigiraayi naannoo Affaariin gadi lakkisanii haa bahan kan jedhu isa ijoo ta’uun niyaadatama.
Mootummaan Tigiraayi ibsa isaatiin dhimma akka sababaatti dhiyaatu kana bu’uura dhabsiisuu fi Gargarsi namoomaa danqaa tokko malee Tigiraayi akka qaqqabu gochuuf murtoo kanarra gahuu beeksise. Humnisaa guutuutti Affaariin gadi lakkisee bahuus ibseera.
Mootummaan Biltsiginnaa Waraana Tigiraayiin karaa nagaa xumuruuf ejjennoo mul’isus, Waraana Bilisummaa Oromoon balleessa jechuun lola qindaawaa Oromiyaa irratti labsee, gaaga’ama guddaa hordofsiisaa jiraachuun ni beekama.
GIPHY App Key not set. Please check settings