in

Humnoonni mootummaa Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti namoota nagaa ajjeesuu itti fufan jedhame. – OMN


Humnoonni mootummaa Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti namoota nagaa ajjeesuu itti fufan jedhame.

Godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatitti waraanni biltsiginnaa horsiisaan bultoota hawaasa Karrayyuu irraa nama 1 yoo ajjeesu 4 achi buuten isaanii dhabamuu jiraattonni himan.

Oduma walfakkaatuun godina Shawaa Lixaa aanaa Iluu Galaanitti waraanni Biltsiginnaa namoota nagayaa 5 kaleessa bakka tokkotti ajjeesuun dhaga’ameera.

Horsiisaan bultoota hawaasa Karrayyuu sababa hongee bonaatiif aanaa Fantaallee irraa gara aanaa Boosatitti goodanantu waraana mootummaatiin hiraarfamaa jiraa jedhu jiraattonni.

Kamisa darbe waraanni mootummaa ijoollee 5 horii eegan bakka Haroo Odaa jedhamutti itti dhufuun deemaa bakka WBOn jiru nu geessaa jechuun maatii irraa fageessanii lubbuu nama tokko galaafachuun 4 hanga ammaatti eessa akka geessan wanni beekamu hin jiruu jedhan jiraattonni yaada OMNiif kennan.

Ijoolleen kun hundi isaanii umrii 15-17 kan hin caalle tahuutu ibsame.

Maatiin Ijoollee isaanii barbaacha gaafa waajjira poolisii deeman reeffa ijoollee keessanii bosona keessa barbaaddadhaa, kana booda bakka WBOn jiru kan Waraana mootummaatti agarsiisu isin jechuun doorsifamaa akka turan jiraattonni ni himu.

Waraanni mootummaa WBO adamsuuf jiraattota nagayaa bakka WBO jiru nutti agarsiisaa jedhee of dura buusuun ajjeesuu akka tarsiimoo lolaatti fayyadamaa jiraachuutu ifoome.

Oduma walfakkaatuun Godina Shawaa Lixaa aanaa Iluu Galaanitti waraanni Biltsiginnaa namoota nagayaa 5 kaleessa bakka tokkotti ajjeesuun dhaga’ameera.

Namoonni nagaan kunneen ganda Irgoo Waashamoo keessatti WBO deggertu jedhamuun ajjeefamuu jiraattotatu OMNtti hime.

Namootni ajjeefaman Jabeessaa Likkiisaa, Fiqaaduu Xaasoo, Dhugaasaa Taayyee, Lalisaa Barsiisaa fi Lalisaa Yiggazuu jedhamu jedhan jiraattonni.

Namoonni Boddoosaa Likkiisaa fi Korree Nagarii jedhaman ammoo rasaasaan rukutamanii du’aa fi jireenya gidduutti akka argaman ibsameera. 

Kanneen manni jalaa gubates danuudha jedhameera.

Waraanni mootummaa aanaa Iluu Galaan ganda Irgoo Waashamoo keessatti ajjeechaa suukanneessaa ummata nagaa irratti raawwate kun, manneen ummataa gubee loon dabalatee qabeenya hedduus akka saame maddeen ibsaniiru.

Barsiisaa Jaallataa, Calqaa Jaliilaa fi Tafarii Barsiisaa namoonni jedhaman warra manni duraa barbadeeffamee fi qabeenyi duraa saamame keessatti akka argaman gabaasa maddeenii irraa beekuun danda’ameera.

Jiraattotni ganda Irgoo Waashamoo warri humna qaban bosonatti kan baqatan yoo ta’u, kanneen humna hin qabne maanguddootnii fi daa’imman gandichumatti kan hafanii fi dararaaf kan saaxilaman ta’uun ibsameera.

Jimaata darbe hidhattootni mootummaa Biltsiginnaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Limixii jedhamtu keessattis qabata WBO deggertan jedhuun Oromoota nagaa 6 haala suukanneessaan ajjeesuunis himameera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Embassy Calls for Increased Chinese Investment in Health, Pharmaceutical Sector | Satenaw: Ethiopian News

Coca-Cola Beverages Inaugurates a 100 million USD bottling plant at Sebeta