in

Humni Waloo Ximmir Xoor maqaa jedhuun socho’u, kan Garee Milishaa Faannoo Amaaraa, Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi waraana mootummaa federaalaa of keessatti hammate Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa suukanneessaa itti fufiinsaan Ummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuun dhagahame.

[ad_1]

Humni Waloo Ximmir Xoor maqaa jedhuun socho’u, kan Garee Milishaa Faannoo Amaaraa, Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi waraana mootummaa federaalaa of keessatti hammate Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa suukanneessaa itti fufiinsaan Ummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuun dhagahame.

 

Haleellaa humni waloo kun Aanaa Giddaa Ayyaanaa,  magaalaa Angar Guutee fi Ganda Andoodee Dichoo jedhamanitti raawwateen Ummata nagaa jumlaan duguugamuu kan ibsan jiraattonni,  Miseensonni Humna Addaa Poolisii Oromiyaa haleellaa kana Ummatarraa  qolachuuf yaala turan hedduunis ajjeefamuu odeessi garasii nuqaqqabe nimul’isa.

Haleellaa dheengaddarraa eegaluun itti fufiinsaan Angar Guutee fi naannoo isheetti raawwatamaa jiruun eenyu akka dhumee fi eenyu akka lubbuun oolellee adda baafachuu rakkanneerra kan jedhan jiraattonni, Namoonni dhibbaan lakkaa’aman jumlaan duguugamaniiru jedhu. 

Raayyaan Ittisa Biyyaa yakka gareen milishaa Faannoo yeroo waggaa lama tahuuf itti fufiinsaan nurratti raawwataa bahe nurraa ittisa jennee osoo eegnuu garee kanaaf humna dabalataa tahuun nu haleeleera kan jedhan jiraattonni, Ummanni gara itti baqatus qaama isa baraarus dhabuun dhumaatii suukanneessaaf saaxilamuu himu.

Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa daandii Naqamtee gara Buree geessu bakka garaagaraatti cufuun keessumaa Humna Addaa Poolisii Oromiyaa ummatarraa haleellaa qolachuuf yaalaa ture haleelaa turuu himu maddeen odeeffannoo OMN. 

Gocha kana bu’uura godhachuunis Garee Finxaaleyyii Amaaraa magaalaa Angar Guutee maandheffataniin leellifamaa ture. 

Humni waraanaa Uffata Seeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Uffate haleellaa Ummata nagaa irratti raawwatamaa ture keessattis qooda fudhachaa turuun kan himame wayita tahu, suurri reeffa namootaa gubaa yeroo suuraa ka’an mul’isu, kan kaleessaa eegalee marsaalee hawaasaa irra naanna’aa jirus dubbii ijoo ta’eera. Haata’u malee OMN qabatamummaa suura kanaa fi bakkasaa hin mirkaneeffanne.

Haleellaa naannichatti raawwatamu kana Aktiivistoonni mirga saba Amaaraaf falmina jedhan gama marsaalee hawaasummaa fi miidiyaalee harkaa qabaniin wayita dhaadhessanii fi gochicha akka mirga of ittisuutti dhiyeessuun wayita jajjabeessan, haleellaa biraaf dadammaqsan marsaalee hawaasummaa irraa argineerra.  

Yeroo oduun kun qindaa’etti haleellan Ummata nagaa irratti raawwatamu kun itti fufee jiraachuu,   humni dabalataa gama Naannoo Amaaraatii ganda Waastii jedhamurraan itti fufiinsaan gara Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti baayyinaan bobbaafamaa jiraachuu odeeffanneerra.

Haleellaa Hanga yoonaatti geggeeffameen Aanaalee Kiiramuu, Amuruu fi Jaardagaa Jaarteerraa Ummanni guutuutti jechuun bifa danda’amuun kan buqqahe wayita tahu, Magaalaa Angar Guutee fi Ganda Andoodee Dichoo jedhamu dabalatee, Gandoota baadiyyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaarraa uummanni lubbuu ofii baraarfachuuf jecha gara magaalaa Ayyaanaa fi iddoowwan birootti baqateera. 

Ummata harka qullaa qe’ee isaarraa buqqaafamee gara bakka garaagaraatti godaansifame kanaafis birmannaan taasifame kan hin jirre tahuutu himama. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Will Zimbabwe sustains remittance trend in 2023 – New Business Ethiopia

Analysis: Doctors urge government intervention to lower impact of skyrocketing stroke cases