[ad_1]
Humni Shororkeessaa Faannoon Shawaa Bahaatti ambulaansii gube.
Humni shororkeessaan Amaaraa Faannoo jedhe of waamu Ambulaansii gubuu bulchiinsi godina Shawaa Bahaa hime.
Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaa fuula miidiyaa hawaasaa isaan akka gabaasetti Kibxata kaleessaa Ebla 18, 2022 ambulaansiin Godina Harargee Bahaa anaa Gursum irraa gara Adaamaatti imala jirtu halkan keessaa sa’aatii 11:00tti shororkeessaa kanaan gubatte.
Humni kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Qaawwaa bakka addaa Hayaa Boolee jedhamutti namoota ambulaansii keessa jiran 4 keessaa 2 irratti halkan keessaa sa’atii 5:00tti miidhaa salphaa geessisuullee dhagahame.
Namoonni miidhaan irra gahe lubbuun hafuun hospitaalaa Adaamatti yaalamaa jiru.
Humni shororkeessaa Faannoo jedhee of waamu kun yeroo darbe Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxii bakka addaa Qorkee jedhamutti milishoota Oromiyaa socho’aa turan irratti badii hammeenyummaa dhaqqabsiisuun isaa ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings