Humni Addaa Naannoo Amaaraa lakkoofsa olaanaadhaan waraana Oromiyaa keessatti baname irratti hirmaachaa akka jiru himame.
Humni kun lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin godhamu keessatti baay’een dhumaa, gariin booji’amaa akka jirus miseensi booji’amaan Humna Addaa Naannoo Amaaraa tokko dubbatee jira.
Humni kun dirqamaan WBO waraanuuf gara Oromiyaa bobbaafamuu hima miseensi kun.
Ji’oota muraasa dura Preezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa humnoota Amaaraa kanneen affeeruun gara Oromiyaatti akka bobbaafaman Preezidaantii naannoo Amaaraa Yiliqaal Kaffaalaa waliin ibsa kennuun isaanii ni yaadatama.
Gama biraatiin Waraanni Bilisummaa Oromoo baadiyyaa Godina Iluu Abbaaboor keessatti humnoota raayyaa ittisa biyyaa fi Poolisii irra aanuu isaa hordofee waraanichi dandeettii humnoota Bilxiginnaatii ol ta’aa dhufee jira jedhame.
Kanarraa kan ka’e mootummaan federaalaa irra deddeebiin mootummaa naannoo Gaambeellaa humna dabalataa naaf ergii gaafachaa akka ture maddeen himaniiru.
Bu’uura kanaan kaleessa Hagayya 23,2022 Poolisii Humna Addaa fi miseensonni Poolisii Gaambeellaa filataman durgoon hojjetameefii gara Iluu Abbaaboor bobbaafamuuf Waajjira Komishinii Poolisii Naannoo Gambeellaa keessatti gaggeessaan godhamaafii akka ture OMN odeeffateera.
Oduu wal qabatuun humnoonni komaandoo raayyaa ittisa biyyaas xiyyaara Antoonoovii tokkoon fe’amanii kaleessuma ganama buufata xiyyaaraa Gaambeellaatti buufamanii jiraachuun himamee jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings