in

Hospitaalli Riferaalaa Yuuniivarsiitii Wallaggaa mooraa waraanaa erga ta’ee bubbuleera jedhu jiraattonni magaalaa Naqamtee. – OMN

[ad_1]

Hospitaalli Riferaalaa Yuuniivarsiitii Wallaggaa mooraa waraanaa erga ta’ee bubbuleera jedhu jiraattonni magaalaa Naqamtee.

 

Erga humnoonni waraanaa mooraa hospitaalichaa keessa qubsiifamanii as hospitaalichi waldhaanamtootaaf tajaajila qixa sirriitiin kennuu hin dandeenyee jedhu jiraattonni.

Jiraattonni OMNf yaada isaanii kennan, godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti kan argamu Hospitaala Riferaalaa Yuuniivarsiitii Wallaggaatti namoonni dhukkubsatan hedduun godinaalee Wallaggaa afranii achitti yaalamu jedhan.

Haa ta’u malee torban tokkoo as garuu raayyaa ittisaa biyyaa, humna addaa Oromiyaa fi garee shororkeessaa Faannoo fidanii hospitaala kana keessa qubachiisuun rakkooleen hedduu uumamuu irraa kan ka’e, waldhaanamtoonni, ogeeyyiin fayyaa fi hojjettoonni hospitaalichaa sodaa hamaa keessa galaniiru jechuun dubbatu.

Humnoonni waraanaa kunneen eega hospitaala kanatti galanii boodas siree fi firaashii waldhaanamaan irra ciisuu fi kan hospitaalichi haaraa bitee galche hunda humnaan fudhachuun irra ciisaa jiraachuus maddeen dabalanii nuuf himan.

Mooraa Hospitaala Riferaalaa Yuuniivarsiitii Wallaggaa kana keessa kan qubatan humnoonni mootummaa kunneen manneen duraan turan dabalatee manneen haaraa ijaaramaa jiran heddutti galuun tajaajila dhukkubsattootaaf kennamu gaaga’aa jiru jedhaniiru.

Kana malees erga waraanni kun hospitaalicha keessa qubatee as meeshaaleen hospitaalichaa fi qabeenyi namoota dhuunfaa hedduun akka bades odeeffanneerra.

Meeshaalee tajaajila hospitaalichaa hedduunis akka caccabsan himaniiti jiru.

Gochaawwan seeraan alaa garaagaraa humnoonni mootummaa kunneen mooraa hospitaalichaa keessatti raawwataa jiraachuu jiraattonni eeranii, kanaanis qulqullinni hospitaalichaa akkaan sadarkaa saaddessaa irra gahuu ibsaniiru.

Maddeen keenya humnoota mootummaa keessa akka jedhanitti, humnoonni mootummaa sodaa cimaa waan WBO irraa qabaniif mooraa hospitaalaa keessatti dahatan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo hospitaala hin rukutu tilmaama jedhuun akka ta’es eeraniiti jiru maddeen keenya.

Naannawaa magaalaa Naqamteee Waraanni Bilisummaa Oromoo heddumminaan socho’aa akka jiru jiraattota irraa odeeffanne.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Airlines Wins Awards for “Best Entertainment”, Best Cabin Service” in Africa – | Satenaw: Ethiopian News

Ambassador Teferi Melesse Calls Up on UK All-Party Parliamentary Group for More Support –