in

Hoongeen waggoota kurnaniif gaanfa Afrikaa rukute horsiisaan bultoota akka malee hube jedhame. – OMN

[ad_1]

Hoongeen waggoota kurnaniif gaanfa Afrikaa rukute horsiisaan bultoota akka malee hube jedhame.

 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hoongee Gaanfa Afrikaa rukuteen wal qabatee namoonni miliyoona 20 ta’an beelaaf saaxilamaa jiraachuu ibse.

Dhaabbatichi akka jedhetti, hoongeen waggootaaf walitti aansee naannicha rukutaa ture, tooftaa jireenya horsiisaan bultootaa balleessuun namoota hedduu hanqina midhaan nyaataa fi nyaata madaalamaatiif saaxilee jira.

Baatiin Bitooteessa baatiiwwan roobni naannawaa gaanfa Afrikaatti roobu keessa takka ta’uu kan eeru gabaasni kun, ta’us garuu Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa bakkeewwan heddu ammallee rooba hin arganne jedha.

Hoongeen naannichatti bu’e beeyladoota heddu fixuu kan eeru gabaasni kun, Itoophiyaan biyya beeyladonni hedduun itti dhuman keessaa tokko akka taate hime.

Itoophiyaa qofa keessatti beeyladonni miliyoona 1.5 ol dhumuu isaanii  Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsee jira.

Sababa kanaan Itoophiyaa dabalatee horsiisaan bultoonni gaanfa Afrikaa hiyyummaaf saaxilamuu isaaniitu himama.

Biyyoota gaanfa Afrikaa keessaa Itoophiyaan hoongeen cinatti sababa waraana waliniitiin lammileen miliyoona 9 ol deeggarsa hatattamaa barbaadu jedhame.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa namoomaa namoonni miliyoona 6.5 ta’an sababa hoongeetiin deeggarsa midhaan nyaataa akka barbaadan ibsee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Maintaining Peace, Unity of Ethiopia Rests on this Generation: President Sahle-Work

The divergent literary legacy of Sebhat Gebre-Egziabher | Addis Zeybe