Hoogganaan Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo Pirofeessar Maraaraa Guddinaa mariin biyyaaleessaa Itoophiyaa qaamota siyaasaa hunda hin hirmaachisu taanaan bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u jedhan.
Itoophiyaa keessatti rakkoon Tigraay qofa osoo hin taane teessoo mootummaa kan taate Oromiyaa keessas jira, rakkoo kana furuuf ammoo wal qabatanii gara maritti deemuun barbaachisaadha jedhanii jiru.
Waraanni waliinii Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 irraa jalqabee Kaaba biyyatti keessatti adeemsifamaa ture lubbuu nama kuma hedduu galaafate jedhamuun kan himamu yemmuu ta’u, yakkoonni namoonaa hedduun waraanichaan raawwatamuu jaarmiyaaleen mirga namaatiif falman ibsaa turani jiru.
Buqqaatiin, ajjeechaan jumlaa, beelli, diiggamuun bu’uuraalee misoomaa, kufaatiin diinagdee fi ciccituun dippiloomaasii itti baha waraana waliinii Itoophiyaati jedhamuun dubbatama.
Humnoonni mootummaa federaalaa tumsuun waraana kana irratti hirmaatan yakkoota namoomaa fi waraanaan nama himachiisan raawwatani jiru jedhamuun kan komataman yemmuu ta’u, komishiiniin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qorattoota sadii muuduun qorannaaf gara Itoophiyaa ergaa jira.
Mootummaan Abiy kan TPLF wajjiin hin mari’adhuu jechuun yeroo dheeraaf waamicha nageenyaa awwaachuu dide ji’ootaan dura deeggarsa namoomaa ummata miidhame dhaqqabsiisuuf jecha waraanaa dhaabuun gara mariitti akka seenuu ibse ture.
Mootummaan federaalaa mariin hoogganummaa Gamtaa Afrikaatiin adeemsifamu qaba yoo jedhu, Addi Bilisummaa Ummata Tigraay ammoo hoogganummaa Keeniyaatiin adeemsifamu qaba jedha.
Gama biraan TPLF mariin dura uggurri ummata Tigraay irraa kaa’ame ka’uu qaba akkasumas humnoonni kutaalee naannoo Tigraay humnaan qabatan bakka waraanaan dura turetti deebi’uu qabu haaldureewwan jedhaman faa kaa’eeti jira.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo karaa gorsaa dhimma nageenya biyyaaleessaa mummicha ministiraa ambaassaaddar Reediwaan Husseenin “mariin godhamu haalduree tokko malee adeemsifama” jechuun ibsee ture.
Addi Bilisummaa Ummata Tigraayii fi Biltsiginnaan qofti wajjiin mari’achuun Itoophiyaaf furmaata ta’u hin danda’u, qaamoleen siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran hundi marii biyyaaleessaa Itoophiyaa irratti hirmaachuun waan afaan qawweetiin argachuu barbaadaan mariin argatu qabu jedhamuun gaafatamuus mootummaan federaalaa waamicha kana awwaataa hin jiru.
Oromiyaa keessatti deeggarsa ummata bal’aa kan qabu Waraanni Bilisummaa Oromoo marii biyyaaleessaa jedhamu irratti hirmaachuuf qophii ta’u ibsu’s, mootummaan Abiy Ahmadiin durfamu WBO balleessuuf lola Oromiyaa irratti labsee jira.
Gameessi Siyaasaa fi hoogganaan Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo Pirofeessar Maraaraa Guddinaa turtii BBC Afaan Oromoo wajjiin taasisaniin, “Mariin Biyyaaleessaa Itoophiyaa qaamota siyaasaa hunda hin hirmaachisu taanaan bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u, TPLF fi Mootummaan Federaalaa qofti mari’atuun Itoophiyaaf nagaa hin kennu” jedhan.
“TPLF fi Mootummaan lola dhaabanii maritti deemuun gaariidha, garuu Itoophiyaa keessa rakkoon kan jiru naannoo Tigraay qofaa miti, Oromiyaa keessatti rakkoo bal’atu jira, rakkoo biyya sanii hiikuuf qaamonni hunduu wal qabatanii gara maritti deemuu qabu” jechuun ibsani jiru.
Mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo marii biyyaaleessaa keessatti kan hirmaachiisuu diduuf maalifi jedhamanii kan gaafataman Piroofeessar Maraaraan, Mootummaan WBOn marii nagaa keessa yoo seene olaantummaa nurratti argata jedhee waan sodaateef hirmaachisuu didaa jira jedhaniiru.
Namni bosonaa seenaa qabsoo adeemsisaa jiraachuun wajjiin wal qabatee yaada kan kanneen hayyuun siyaasaa Piroofeessar Mararaa Gudinaa, “namni kan bosona seenuuf qabsoon karaa nagayaa waan itti cufameefi” jedhan.
Marii ademsifamu keessatti warri bosona jiranis akka himaatan gaafataa jirra, isaan achitti dhiifnee marii adeemsifna ejjannoo jedhu akka hin qabnes ibsani jiru.
Mariin biyyaaleessaa Itoophiyaa qaama walabaan adeemsifamuu fi qaamoleen siyaasaaa biyyatti keessa jiran hundi irratti himaachuu qabu, qaama marii adeemsisu ammoo qaamoleen jiran hundi lakkaawachuu qabu jechuun ibsani jiru.
Mootummaan Federaalaa Komishiinii marii biyyaaleessaa jechuun komishiinaroota ofii muudee marii biyyaaleessatiif qopheessaa jiraatus qeeqni bal’aan irratti ka’uun isaa ni yaadatama.
GIPHY App Key not set. Please check settings