Hongeen Baha Afrikaa mudate waqtiiwwan itti aananiif dheeratee jennaan ji’oota dhumaa bara 2022tti qofa biyyoota Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti namoota Miliyoona 36.4 miidhaaf saaxiluu akka danda’u Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.
Sababa hongee tanaa biyyoota sadanirraa beeyladoonni Miliyoona 9.5 dhumanii jiru.
Naannichi Waqtii roobaa 5ffaa irratti kan argamu yoo ta’u waqtiin kunis rooba daran gadi aanaa argate.
Waqtiin roobaa 6ffaanuu rooba waan argatu miti jedhu warri haala qilleensaa raagan.
Afrikaan bahaa gogiinsa hamaa takkaa waggoota 40 asitti agartee hin beekne agarte.
Uummanni naannawa kana jiraatu waqtii roobaa 5ffaaf kunoo rooba gahaa argee hin beeku.
Waqtiin oomishaa Onkololeessaa hanga Muddeetti roobni argame baay’ee gadi aanaa dha. Waqtiin roobaa 6ffaanuu jechuunis Ji’oonni Bitootessaa hanga Caamsaa rooba malee turuu danda’u raaga jedhutu jira.
Uummanni naannichaa hongeef saaxilame Onkololeessa 2020 kaase roobni xab jedheefii hin beeku. Waqtiiwwan roobaa itti aanan akka raagame gogiinsi itti fufnaan waggaa 3 guutuu lafti margaa Somaaliyaa, kibbii, kibbi bahaa fi kaabni Itoophiyaa, kaaba fi bahi Keeniyaa rooba malee turan.
Sababa hongee dheertuu tanaa biyyoota sadanirraa ji’oota dhumaa bara faranjootaa 2022tti qofa namoonni miliyoona 36.4 ta’an balaaf saaxilamuu akka danda’u raagee jira dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti Jaarmiyaan gargaarsa namoomaa.
Itoophiyaarraa namoota miliyoona 24.1, Somaaliyaarraa miliyoona 7.8, Keeniyattimmoo miliyoina 4.5 jechuudha. Kana keessaa Miliyoona 9 kan ta’an dubartoota maatii horachuu danda’an umriin isaanii 15-49 ta’ani. Kun hunda caalaa dubartootaaf balaa qaba. Fayyaa isaanii fi saaxilamummaa dhiibbaa koorniyaaf qabaniin.
Aanaalee biyya Somaaliyaa lama keessa kan jiraatu uummanni hedduun Onkololeessa darbee beela hamaaf saaxilamuu hima gabaasni kun. Biyyoota sadan irraa uummanni miliyoona 23 ta’u hanqina midhaan nyaataa muddaaf saaxilameera.
Somaaliyaa qofatti uummanni miliyoona 6.7 hanqina midhaan nyaataa muddaa keessa jira. Uummanni naannawa Baaydawaa fi Burkaabaa irraa buqqa’ee jiru haala hammaataa keessa jira.
Hongee Itoophiyaa kan gara caalaa Naannolee Oromiyaafi Somaalee gaaga’aa jirtuun uummanni miliyoona 12 ta’u hanqina midhaan nyaataa muddaa keessa jiraachuu himamee jira.
Gargaarsi homaatuu akka hin jirre, namoonni waan damdamatuun dhabanii du’aa akka jiran dubbate namni Daani’eel Lemalom Keeniyaa Samburuutii dhaabbatichi dubbise tokko.
Beeyladni manaa miliyoona 9.5 hongee tanaan dhumee jira biyyoota sadanirraa. Kanneen keessaa miliyoona 4 kan caalu Itoophiyaarraayi. Keeniyaarraa miliyoona 2.5, Somaaliyaarraa immoo miliyoona 3 jedha ragaan. Kan kanaa olii immoo dhumaatiif guyyaa eeggachaa jiru.
Kana jechuun jedha Dhaabbanni nyaataa fi qonnaa addunyaa FAO’n akka tilmaametti aannan Litira miliyoona 100 fi miliyoona 20 baduu jechuu dha. Kana jechuun immoo jedha FAO’n daa’imman waggaa 5 gadii kan aannan guyyaa guyyaan barbaadan miliyoona 1.6 aannan hin arganne jechuu. Mootummaan Keeniyaa kasaaraa beeyladaa hongee tanaan biyya isaarra gahe Dolaara biliyoona 1.5 jedhee herreeggatee jira.
Hongeeen tun hundaa ol hawaasa horsiise bulaa miite. Ammallee beeyladni manaa hedduun dhumuuf jiru. Ammumaa beeylada miliyoona 30 caalantu dadhabee jira Itoophiyaa qofatti.
Muuxannoo hanga ammaa jiruun maatin horsiisee bulaa balaa kanarraa damdamatanii bakka duriitti deebi’uuf waggoota 5 fudhata. Hongeen miilanaa garuu waan hunda nama dhabsiisee jira. Horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaatuu akka dhiisan godhuu dandeessi.
Keeniyaa Bulchiinsa Gaarisaa keessatti Horsiisee bultoonni 72,600 waan qaban mara dhabanii harka qullaatti hafanii jiru.
Sababa hongee tanaa daa’imman miliyoona 5.1 nyaata madaalawaa dhabanii jiru. Miluyoona 2.7 kan ta’an daa’imman Itoophiyaati.
Haawwan ulfaa fi hoosisan walumatti miliyoona 1.3 nyaata madaalawaa dhabanii jiru biyyoota sadanirraa. Walumaagalatti hongee hamaa baha Afrikaa mudateen haalli biyyoota sadan jiru jajjabaa fi sodaachisaa dha jedha Jaarmiyaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kun.
GIPHY App Key not set. Please check settings